Gurraandhala 20,2017
Godina Arsii Aanaa Roobee Magaalaa Roobee Diida’aa Keessaa Sabboontonni Qeerroon Bilisummaa Oromoo hedduun hidhatti kan dararamaa jiran yoo ta’uu Mana hidhaa Ma’aakalaawitti reebichi hamaan irratti raawwatamaa jiraachuu Oduun maatii isaanii irraa arganne ifa godhee jira Daraggoota reebichi kun irratti raawwatamaa jiru keessaa
- Shugguxee Durrii bakka bu’aa paartii koongirasii feederaalawaa Oromoo kan ture yoo ta’uu
- Saalih Abdullee 3, Hullee Adam
- Heeydar Jamaal fi Abbaa isaa Jamaal Abbaas
- Nasroo Durrii yoo ta’uu
Reebicha isaanirratti raawwatamaa jirurraa lubbuun jiraaratanii wal arguudhafis shakkii qabaachuu maatin isaanii dubbachaa jiraachuunis himamaa jira Kuni kanaan osoo jiruu yeroo ammaa Kanas humnoota Kumaandi poostitiin maatii isaaniis doorsisoonni gara garaa irra gahaa jiraachuus dhagayamaa jira. Karaa birootiin asuma aanaa kana Ganda Ataabaa Gasalaa keessa dargaggoon
qabsaayaan Qeerroo bilisummaa Keeyraddiin Huseen jedhamu Wayyaanee jalaa baqatee bakka inni jiru dhabuurraa kan ka’e Abbaa isaa Huseen H/Kadiir Mana hidhaa waajjira poolisii magaalaa Roobee keessatti hidhamee ilma kee bakka jiruu akka fiddu jedhamee erga mana hidhaa keessatti dararamuu jalqabee ji’a 3 gahuun maatiin isaa yeroo ammaa kana rakkina guddaa keessa jiraachuu Qeerroon Aanichaa gabaaseee jira
Gama biraan Godinuma Arsii keessaatti Aanota Adda Addaa keessatti wayyaaneen Hojii dhabdummaa hir’isuuf maqaa jedhuun dargaggoota walitti qabdee sossobachaa kan jirtu too ta’uu Arsii Lixaa Magaalaa Arsii Nageellee keessatti Continue reading →
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk