Gabaasa Qeerroo Sooddoo, Guraandhala 23,2014
Ummanni Kibbaa,Godina Sooddoo Irraa Gaaffii Waa’ee Lafaan Hiriira Waajjira Investimentii Naannichatti Bahan, Mootummaan Wayyaanees Qeerroo Oromootu Keessa Jira Jechuun Mufate!
Gaaffii waa’ee lafaan kan wal qabate jiraattotni naannoo Kibbaa Godina Sidaamoo aanaa Daallee ganda Siyaamaa keessa kan jiraatan jiraattota 300 lafti isaanii fuudhamee investeraaf kennamuu irraan guraandhala Gaafa 18/2015 uummanni kun “ Lafti Keenya Investeraaf kenname” jedhuun barruuwwan garagaraa kaasuu fi dhaadannowwan dhageessisuun gara waajjirana investimentii naannichaatti hiriira bahan,
– Lafti keenya nuuf haa deebi’u
– Sagaleen keenya haa dhagayamu,
– Gaaffiin keenya nuuf haa deebi’u kan jedhu dhaadannoo dhageessisuu isaani gabaasni nugahe addeessa.
Gaaffiin uummataa kun guyyaa kana irraa kaasee hanga har’aatti deebii dhabus itti fufee kan jiru yoo tahu mootummaan Wayyaanee Qeerroo Oromootu nurratti kaase, uummata kanaan dura sagaleen isaa hin dhagayamnetu as bahe, uummanni nurratti ijaarameera kan jedhuun gaaffii uummataa deebisuun dura sodaa isaaf humna hin beekamne, kan
uummata kaasu, kan uummata mootummaa irratti ijaarutu jira kan jedhuuf qorannaan dursuu qaba jechuudhaan xiyyeeffannoo godina kana irratti taasisuunis dhagayamaa jira, ammas gaaffiin uummataa dhimma lafa isaaniif haala wal irraa hin cinneen kan itti fufee jiruudha.!