Jiituu Lammii |Guraandhala 24, 2015
Hayyoonni seenaa warra dhiyaa “Tamerlane.” Jechuun yaadatu. “Timur the Lame” Isa jedhu gabaabsanii yoo waaman. Miilli isaa inni mirgaa waraanarratti miidhameetu naafatti fayye. Kannaf akkasiin moggaafame. Maqaan dhugaa ‘Timur’ jedhama. Bara 1336 – 1405tti jiraate. Timur Impaayera “Mongol Empire” jedhamu erga dhaalee booda weerara babal’aa geggeessun handhuura Eezyiyaa kessatti bulchinsa ‘Timurid dynasty’ jedhamu hundeessuu danda’eera.