#WALALOO QEERROOF #

Aside

Gaddisaa Irraa,
Qeerroo  dhagahi! isinan waamaa bakka jirtanii
Isiniin dhaamaa ergaa
Akka dhageessanii
Yeroon wal jabeessan har’aa
Kaayyoon keenya ifaa
Galmi ishee  bilisummaa
Waliin gurmoofnee gahee keenya rogaan haa baanu
Dirqama lammummaa
Sochiin dargaggootaa kanneen sabboontotaa
Diina haxaawuuf muratoo kanneen tahan qabnaa
Jabaadhaa oromootaa
Daandii abbootiin koo irratti wareegaman
Irraatti kaffalan aarsaa kumaatamaan
Lafeen goototaa
Erbuun oromootaa
Keessa kootii iyyaa galgalaa fi ganamaa
Qeerroo naa jabaadhu leenca kiyya
siifan wareegamaa
Ssirna gabroomfattuu mootummaa Woyyaanee
If irraa dabrina qeerroo koo wal taanee
Lammiin akka bishaanii dheebotee bilisummaa
Dharra’ee walabummaa

Waamicha Hawaasa Oromoo Biyya Sudaaniif

Aside

Guraandhala 21, 2015

Nuti miseensotni maadheelee ABO Biyya Sudaan magaalaa Kaartumii fi naannawaa isheetti argamnu gaafa guyyaa 15/02/2015 walitti dhufnee haala yeroo irratti marii balaa godhatuun xumura irratti hawaasa Oromoo biyya Sudaan keessa jiraatuuf dhaamsaa fi yaamicha armaan gadii dabarsine.

  1. Akkuma beekamu jilli ergamtuu Wayyaanee Abbaa Duulaa Gammadaa ykn
    Minaasee W/Goorgisiin hogganamu kaayyoo ergamtummaa wayyaanee bakkaan gahuuf lammiilee keenya gowwoomsuuf hawaasa Oromoo biyyoota Awurooppaa, Ameerikaa, Awustiraaliyaa fi Kanaadaatti bobbaullee, yaaliin isaanii harkatti fashaluun qaanii aguuggatanii salphinaan akka deebian ni beekama.

Amma ammoo biyyoota ollaa irratti yaalii ijibbaataa ykn kasaaraa biyyoota alaa keessatti isaan irra gahe gumaa baachuuf wixxifataa jiru. Karoora isaanii keessaa tokko hawaasa Oromoo biyya Sudaan keessa jiraatutti bobbauu dha. Waan taeef lammiileen Oromoo baqattummaan biyya Sudaan keessa jiraattan waamicha lukkeelee fi ergamtoota Wayyaanee irraa isinii darbuuf akka hin awwanne, walgahii isaan geggeessan irratti akka hin argamne kabajaan isin gaafanna, isin yaadachiisna.

  1. Kijibaa fi gowwoomsaa adda addaan deemuun wanneen ergamtootni wayyaanee kunniin qabatanii ittiin hawaasa Oromootti bobbaaa jiran keessaa:- Mana Kondominiyemii fi lafa naannawaa Finfinneetii isinii keennina jedhanii isin gowwoomsuu fi isin sossobuun boondii akka bitattanii fi sirna cunqursaa ummata keenya miidhaa jiruu fi isiniin illeee jiruu fi jireenya hammeessee akkasumas siyaasaan isin yakkee baqa isin afeere jalatti akka biyyatti galtaniif dhiibbaa isin irratti gochuu dha. Gowwoomsaa isaanii kanaan oggaa gara biyyaatti galtan akkuma ummata keenya biyya keessaa hidhaa fi ajjeesaa jiran, isiniinis akka hidhanii fi ajjeesan beekuun barbaachisaa dha. Kaayyoon wayyaanotaa fi ergamtoota isaanii lammiilee/obboloota keenya hidhaa fi ajjeesaa umrii bittaa abbaa irrummaa isaanii itti fufsiisuuf yaaluu dha. Kana malees ummata keenya lafa isaarraa buqqisanii abbaa biyyummaa isaa haalaa waan jiraniif, yaamichaa fi walgahii wayyaanotaa kan ergamtootni isaanii qabatanii deemaa jiran kanaaf awwaachuu fi irratti argamuun seenaa gurraattii lafa kaanii darbuu akka tae hubachiisna.

Lammiileen Oromoo biyya Sudaan keessatti argamtan kana hubattanii yaamicha diinni isinii godhu lagachuu fi dura dhaabbachuun dirqama keessan tauu hubachiisna. Diinota keenya dura dhaabbachuu yeroo jennu maloota adda addaatti gargaaramnee saaxiluu fi qaanessuu qabna.

Waamicha Hawaasa Oromoo Biyya Sudaaniif.docx