ቄሮ:የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ:የሳምንቱ:ዜና::February 13, 2015
Aside
The Management Committee of Union of Oromo Students in Europe (UOSE)-UK (UOSE-UK) or TBOA-UK is cordially inviting its members and supporters to participate on its Annual General Meeting (AGM) planned at the address stated below from 2PM or 14 GMT onMarch 21, 2015.
WESTON RISE COMMUNITY CENTRE
187 PENTONVILLE ROAD
LONDON, N7 9LD
The main focus of this AGM is to hear the current Management Committee’s report and elect a new Management Committee. It is also expected to facilitate the discussion on how to strengthen the contribution of TBOA-UK for the national interest of the Oromo cause, which is extremely demanding now more than ever.
For more information, please contact the Management Committee:
07403911810; 07852541062; 07946034432; 07946027031; 07538727111
The Management Committee of TBO-UK
United Kingdom, London
Gabaasa Qeerroo Nuunnuu Qumbaa
Guraandhala 13,2015
Godina Wallagga keessatti kan argaman aanaalee Nuunnuu Qumbaa fi Waamaa Hagaloo filmaata sobaa geggeessituuf jecha Wayyaaneen uumata dhiphisaa jiraachuun gabaafame.
Anaa Waamaa Hagaloo magaalaa Qassoo keessatti humna tikaa mootummaan Wayyaanee bobbaasteen lammiileen hidhaa fi doorsisaan dararamaa kan jirani yeroo ta’u jireenyaa uumataa gaaga’uuf jechas waraaqsa bilisummaa uumanni deemsisaa jiru dura dhaabbachuuf tajaajila Ibsaa, Bishaan dhugaatii fi network ji’oota afur irraa dhaabbatee akka jiru Qeerroon gabaasa.
Kana malees akkuma ollooma isaaniitti magaalota Nuunnuu fi Waamaa Adaree,Moxee,bifuma wal fakkaatuun dararaa jiru.
Kiya Tesfaye
Lammii koo gahee kaa barrii shanaan
Kan wayyaaneen baraa baraan ittin dhaadataan
Barrii shanaan dabrus kan ittii anuu hin dhufaa
Bara kana kessaa hoo lammiin koo meqaa kufaa ?
Mee qomoo koo nuuf maalii hikkaan filannoo
kun yeroo isaniif hundaa dhaaddannoo
Ilmaan oromotiif godaanisaa yomiyyuu
Mirga hin qabduu bar filachuu dhabuyuu
Kan naa aja’ibuu hunda duratii
Isanoo kan dhufaniin afaan qawetii
Akkamittii injifatamuu jettee eydaa atii
Angoo kalessaa rasasaan dhuftee
Hardhaa maltuu argamee ufiraa ustee
Lammii koo oromo saba koo hin gawominaa
Isaan tasumaa hin lakisaan baranaa
Kan baranaa innuu filamee dhumee
Jilli dabballoota OPDO olaanoo mootummaa gita bittuu wayyaaneen bobbaafame baqattoota Oromoo biyyoota ollaa Itoophiyaa keessa jiran (Keenyaa, Ugaandaa, Somaaliyaa, Jibuutii, Ijibtii fi sudaan lamaan) keessa jiraatan irratti xiyyeeffannaa hamaafi adda ta’e saganteeffatee ukkaamsuu fi biyyatti deebisuu kan jedhuun duula hamaa gochaa jira. Haaluma kanaan baqattoota Oromoo biyya Keenyaa keessa jiraatan irratti xiyyeeffannaa addaa gochuun marsaa jalqabaaf gaafa guyyaa Guraandhala 14, 2015 magaala Naayiroobiitti duula ji’oota lamaaf walittifufinsaan raawwatu mataduree marii baqattoota waliin jedhuun karaa ergamtuu ykn lukkeelee diinaa baqattoota fakkaataniifii saba biraa Afaan Oromoo dubbataniin waliin makanii hawaasa keenya afaan faajjessuuf walga’ii geggeessuudhaaf xalayaa waamichaa facaasaa jiru.
Haaluma kanaan dabballoonni OPDO fi basaastonni murna gita bittuu wayyaanee dhibbaan lakkaa’aman gara magaala Naayiroobiitti galuun embaasii alatti waajjira dhimma kana qindeessu saaquun duula hamaa geggeessutti argamu. Kanaaf, dhalattoonni Oromoo dhimma kana otoo hin hubatiin itti hirmaachuuf yaada qabdan balaa dhokataa sagantaa kana duuba jiru hubattanii akka irraa of qusattan yaadachiisa kana isiniif dhaamna.