“Finfinneetti Wal Agarra” Wallee Haaraa Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa, Guraandhala 24, 2014 Gadhiifame.
Aside
Gabaasa Qeerroo Guraandhala 24,2015
Dhimma abbuummaa lafa qonnaan bulaa fi qaala’iinsa jireenyaan wal qabatee Oromiyaa naannoo garagaraatti uummataan gaaffiin ka’aa jira. Odeessa Qeerroo gara lixa Wallaggaa, Iluu Abbaa Booraa fi Wallagga Bahaa irraa akka gabaasutti, Guraandhala gaafa 17/2015 irraa eegalee godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Gachii magaala Gachii keessatti dhimma lafaa fi Oromoota yakka malee hidhamaniin wal qabatee gaaffii mirgaa ka’een, obboloota keenya mana hidhaa keessa jiran hiikamuu akka qaban jechuudhaan uummanni gaafachaa oolaniiruu. Haala kanaan daandii cufuudhaan dhaamsa;
Kan jedhu erga telefoonaan waliifis dabarsuun guyyaa kana daandii cufuun kan oolan tahu odeessaan Qeerroo achirraa nugahe addeessa. Haaluma kanaan sochiin naannicha irratti Sambata darbe eegale mootummaan Wayyaanee gaaffii isaanii kanaaf hedduu yaadda’uu fi mufachuu irraan kan ka’e tikoota fi milishooti Wayyaanee uumata marsanii jiraachuun gabaafame.
Guraandhala 23,2015 Waldorgommii Ispoortii Akka Oromiyaatti Magaalaa Jimmaa irratti gaggeeffamaa jiruun wal qabatee Guyyaa hardhaa Magaalaan Jimmaa Wallee Warraaqsaa FDGf uummata qopheessuun dhuunfatamte .Poolisootni Oromiyaas sochii Qeerrootti makamuun Wallee Warraqa wallisaa turan. Goototni Dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, Koolleejjii barsiisota Jimmaa fi dargaggootni Oromoo jirattootni magaalaa Jimmaa bakka waldorgommiin Ispoortii Shaampiyoonaa Oromiyaa gaggeeffama jirutti walitti qabuun Walleelee Warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuu fi FDGf uummata qopheessuu qabsiisuun magaalaa Jimmaa keessa naannaa’uun eenyummaa, Oromummaa fi gootummaa isanii ibsachuun uummata haalaan dammaqsan. Guyyaa hardhaa Istadeumii Magaalaa Jimmaa keessatti yeroo taphattootni Kubbaa miilaa Magaalaa Amboo fi Jimmaa taphatan walleen warraaqsaa haalaan jabaate, magaalaan Jimmaas raafama guddaa keessa seente, humnootni basaasaa to’achuu hin dandeenye., Walleewwaan Warraaqsaa dhageesisaan keessaattis Jimma kan keenya, Amboo kan keenyaa, Finfinneen kan keenya, Wallaggaan kan keenya, Iluun kan keenyaa, Harargeen kan keenyaa, Adaamaan kan keenya, Bishooftuu, Burraayyuun, Holotaan, Sulultaan, Xaafoon, fi Sabbataan kan keenya Oromiyaa Badhoon biyya keenyaa jechuun haala uummata hawwatuun wallee warraqsaa magaalaa Jimmaa keessa nanna’uun finiinsan. Poolisota Oromiyaa magaalaa Jimmaa keessa jiraniif goototni qeerroon barattootni Oromoo waamicha ”Poolisiin kan keenyaa” jedhu waan dabarsaniifPoolisootni hedduun wallee warraaqsaatti makamuun gootota sabboontota Oromoo waliin wallee warraqsaa finiinsan. Walleewwan warraqsaa Goototni Oromoo finiinsan kunis mataduree: akka halagaan Oromiyatti hin seenne”, Yaa gadhee maaf fokkortaa dhiira namarra baasa kobbortaa’‘, ”Siifan lolaa uummataa narra hin gortuu” kanneen jedhaman ifatti magaalaa Jimmaa keessa naanna’uun uummata sochoosan. Diinaafis firaafis haagaluu jechuun goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa, kolleejjii barsiisota Jimmaa fi dargaggootni Oromoo jiraattootni magaalaa Jimmaa sodaa tokko malee ifatti wallee qabsoo warraaqsa FDG qabsiisuun hidhaa, du’aa, fi daraara fedhee illee fudhachuuf qophii ta’uu ibsatan. uummaatni jiraattootni Magaalaa Jimmaa daandiitti gadii yaa’uun gootummaa dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoo kana kan ajaa’ibsiifatan yoo ta’uu Poolisootni Oromiyaa Wallee warraaqsaa kanatti makamuun qabsoo bilisummaa Oromoo faarsan.
Gurandhala 23,015 Gabaasa Qeerroo
Diddaan waraana Wayyaanee keessatti dhalate hammaataa dhufe. Rakkoon wal amantamuummaa fi walii ajajamuu dhabuu waraana Ittisa biyyaa keessaa Kallattiiwwan daangaa biyyattii maraan Wayyaanee yaaddoo guddaa keessa buusee jira. Miseensotni waraana ittisa biyyaa dhiha biyyattii naannoo Toongoo jedhamee beekamu keessatti argaman wal amantamummaa dhabinsa gidduu isaaniitti dhalateen dhukaasa wal irratti kan banan yoommuu tahu Miseensotni waraana kanaa armaan duraas haala kanaan miliqaa turan waraana wayyaanee irratti dhukaasa bananii jiran. Yeroo ammaas jeequmsa haala kanaan Uumameen miseensotni waraanichaa meeshaa guutuu waliin 30 ol kan miliqan yoommuu tahu, aangawootni mootummaa Wayyaanee garuu rakkoo hamaa dhalachaa jiru kana dhoksuuf tattaaffii jabaa irratti argamti.
Haaluma walfakkaatuun aangawootni mootummaa Wayyaanee olaanoon Koree Hojii Raawwachiistuu (KHR) EPRDF keessatti argamanii fi tikni wayyaanee olaantotni gamaggama irratti argamu. Gamaggamni kun galma mootummaatti taasifamaa kan jiru yoommuu tahu hojiiwwan KHR kun hojjetaa jiran EPRDF kan hin amansiisnedha jechuudhaan Haayile Maariyaam Dassaaleny dubbatee jira. Hojii isaaniidhaaf madaallii qubeedhaan (Grade) walii kennaa kan jiran yoommuu tahu harki guddeessi isaanii ”C” argachuu isaanii maddeen gabaasanii jiran.
Bittaa abbaa irrummaa Wayyaanee jalaa of baasuudhaaf Uummatni Oromoo sagalee diddaa dhageessisaa jira. Dhihoo kana Miseensa KHR TPLF kan tahee fi Gorsaa muummichaa kan tahe Abbay Tsaayyee Uummatni Oromoo Master plaanii Finfinnee kan mormu yoo tahe SIRRIITTI GALCHINA! jedhee dhaadachuu isaa Uummatni Oromoo balaaleffachaa jira. Uummatni Oromoo balaaleffannaa isaas karaawwan sabquunnamtii garaa garaa ibsachaa kan jiru yoommuu tahu, Yeroo ammaa kanatti Yuunivarsiitii keessatti FDG ho’aan dho’a sodaa jedhuunis wayyaaneen waraana hedduumminaan Mooraa Yuunivarsiitii seensisuudhaan barattoota doorsisaa jirti. Uummatni Oromoo sagalee diddaa dhageessisuudhaan gocha farrummaa Nafxanyootni Uummata Oromoo irratti gochaa jiran xumura akka itti goonu Qeerroon Bilisummaa waamicha dabarsa.