Magaala Hawaasatti, kutaa magaalaa Addis, Ganda Badaatoo, Naannoo Ammistanyaa Kaampii Jedhamee Beekamu Irraa Jiraattoti 531 Lafa Isaanii Irraa Buqifamuu fi Ummatis Hidhamuu Qeerroon Gabaase.

Bitootessa ,1, 2015 Hawaasaa

Waraana WayyaaneeNaannoo Kibbaatti maqaa investiraan lafti uummata irraa fuudhamee gurgame Hawaasni Oromoos ta’e saboonni biroo lafti isaa irraa fuudhame kun gaaffii hiriiraan bahee kaaseef deebiin hin kennamin osoo jiru ammas magaala Hawaasatti, kutaa magaalaa Addis, ganda Badaatoo, naannoo Ammistanyaa kaampii jedhamee waamamutti mootummaan namoota seeraan ala lafa bitanii mana ijaarratanii jiraatan jechuun abbaa warraa 521 ta’an bakki kun guutummaan isaa bakka investeraaf akeekamee jiru dha jechuun buqqise.

Guraandhala gaafa 26/2015 uummata abbaa warraa kanaa fi qaama mootummaa gidduutti akkasuma bulchaan mooraan Yuuniversitii hawaasaa guddichi gara uummata goruudhaan walitti bu’iinsi guddaan uumameen humna waraana mootummaa
wayyaaneen namootni 150 tahan kan toohataman yoo tahu, isaan kana keessaa yeroosuma namni 130 kan gadhiifaman yoo tahu namootni 20 mana murtiif akka dhiyaatan tahee akka jiru odeessaan Qeerroo ibsa. Suraan olitti jiru kan naannoo birooti.

1 thought on “Magaala Hawaasatti, kutaa magaalaa Addis, Ganda Badaatoo, Naannoo Ammistanyaa Kaampii Jedhamee Beekamu Irraa Jiraattoti 531 Lafa Isaanii Irraa Buqifamuu fi Ummatis Hidhamuu Qeerroon Gabaase.

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune QEERROO: Magaala Hawaasatti, kutaa magaalaa Addis, Ganda Badaatoo, Naannoo Ammistanyaa Kaampii Jedhamee Beekamu Irraa Jiraattoti 531 Lafa Isaanii Irraa Buqifamuu fi Ummatis Hidhamuu Qeerroon Gabaase |

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s