Magaala Hawaasatti, kutaa magaalaa Addis, Ganda Badaatoo, Naannoo Ammistanyaa Kaampii Jedhamee Beekamu Irraa Jiraattoti 531 Lafa Isaanii Irraa Buqifamuu fi Ummatis Hidhamuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Bitootessa ,1, 2015 Hawaasaa

Waraana WayyaaneeNaannoo Kibbaatti maqaa investiraan lafti uummata irraa fuudhamee gurgame Hawaasni Oromoos ta’e saboonni biroo lafti isaa irraa fuudhame kun gaaffii hiriiraan bahee kaaseef deebiin hin kennamin osoo jiru ammas magaala Hawaasatti, kutaa magaalaa Addis, ganda Badaatoo, naannoo Ammistanyaa kaampii jedhamee waamamutti mootummaan namoota seeraan ala lafa bitanii mana ijaarratanii jiraatan jechuun abbaa warraa 521 ta’an bakki kun guutummaan isaa bakka investeraaf akeekamee jiru dha jechuun buqqise.

Guraandhala gaafa 26/2015 uummata abbaa warraa kanaa fi qaama mootummaa gidduutti akkasuma bulchaan mooraan Yuuniversitii hawaasaa guddichi gara uummata goruudhaan walitti bu’iinsi guddaan uumameen humna waraana mootummaa
wayyaaneen namootni 150 tahan kan toohataman yoo tahu, isaan kana keessaa yeroosuma namni 130 kan gadhiifaman yoo tahu namootni 20 mana murtiif akka dhiyaatan tahee akka jiru odeessaan Qeerroo ibsa. Suraan olitti jiru kan naannoo birooti.

Falmaan Barattoota Oromoo Itti Fufuun Yuuniverstiilee Hawaasaa fi Waldiyaa Keessaa Kanneen Baratan Gaaffii Migaa Kaasan.

Aside

diddaa9Mooraa Barnoota Yuuniversitii Hawaasatti,Odeessa Qeerroo Guraandhala 29,2015
Yuuniversitii Waldiyaa keessatti barattooti Oromoo baayinni isaanii 100 tahuun gaaffii mirgaa  Oromoo fi miidhaa barattoota irra jiru akkasumas horddoffii mootummaan dargaggoota Oromoo irratti taasisu sirrii akka hin taane kaasuun bulchitoota gaafataa jiru.

Mooraa guddicha Hawaasatti gaaffiin Guraandhala gaafa 24/2015, jechuun guyyaa muraasa dura barattota Civil Engineering  baratan guyyaa kana ganama sa’a 8:00 am irraa kaasanii gaaffiilee lama qonnaan bulaa irraa fudhatamuu fi hidhamuu barattootaa,addattis cunqursaalee Oromoo irra jiruu fi waayee maaster plaanii Finfinneen wal gaqabatee gaaffii warraaqsaa kaasanii turan itti fufaa hanga har’aa bulchitoota mooraa sanaan akka deebiin qulqullaawaa Oromoof deebi’u gaafachaa jiru. Itti fufuun sochiin barattootaa mooraa Yuuniversitii Hawaasatti daran jabaatee akka jiru tahuu odeessi Qeerroo addeessaa jira.