Mooraa Barnoota Yuuniversitii Hawaasatti,Odeessa Qeerroo Guraandhala 29,2015
Yuuniversitii Waldiyaa keessatti barattooti Oromoo baayinni isaanii 100 tahuun gaaffii mirgaa Oromoo fi miidhaa barattoota irra jiru akkasumas horddoffii mootummaan dargaggoota Oromoo irratti taasisu sirrii akka hin taane kaasuun bulchitoota gaafataa jiru.
Mooraa guddicha Hawaasatti gaaffiin Guraandhala gaafa 24/2015, jechuun guyyaa muraasa dura barattota Civil Engineering baratan guyyaa kana ganama sa’a 8:00 am irraa kaasanii gaaffiilee lama qonnaan bulaa irraa fudhatamuu fi hidhamuu barattootaa,addattis cunqursaalee Oromoo irra jiruu fi waayee maaster plaanii Finfinneen wal gaqabatee gaaffii warraaqsaa kaasanii turan itti fufaa hanga har’aa bulchitoota mooraa sanaan akka deebiin qulqullaawaa Oromoof deebi’u gaafachaa jiru. Itti fufuun sochiin barattootaa mooraa Yuuniversitii Hawaasatti daran jabaatee akka jiru tahuu odeessi Qeerroo addeessaa jira.
Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune QEERROO: Falmaan Barattoota Oromoo Itti Fufuun Yuuniverstiilee Hawaasaa fi Waldiyaa Keessaa Kanneen Baratan Gaaffii Migaa Kaasan |