Gabaasa Qeerroo Lixa Wallaggaa,Guraandhala 26,2015
Yeroo darbee uummanni naannoo Kibbaatti dhimma saamicha lafa isaaniin wal qabatee hawaasni Kibbaa gaaffii kaasuu, lafi keenya maqaa investiran nurraa fuudhame nuuf haa deebi’u jedhanii waajjira investimantii naannichatti hiriira bahuu, akkasuma godina Iluu A/Booraa keesatti hawaasni musliimaa obboloota keenya dhimma amantaan wal qabsiifamee mana hidhaatti dararamaa jiran haa hiikaman kan jedhuu fi hidhamtootni kun hanga gadhiifamanitti filannoon hin gaggeeffamin kan jedhu ture.
Uummanni bakka jiru gaaffii mirgaa qabu mootummaa Wayyaanee irratti kaasuun yeroo ammaa mootummaa dhiphisee akka jiru hubatamaadha,
mootummaan Wayyaanee gaaffii uummanni kaasu dura dhaabbachuuf humna waraana isaatti fayadamaa kan ture waraana isaa keessas shakkii waan qabuuf amma gara itti goruu dhabee akka jirutu caasaa isaa irraan odeessaan dubbata. Wallagga lixaa, Qellem Wallagga irraa irra deddeebiidhaan nugahaa jiru, quunnamtii uummataa fi Qeerroon gidduutti ta’u ,mootummaa irratti uummata kaasuu kan jedhuun sodaa irraan networkii naannoo lixaatti ciramee akka jiru odeessi amma nugahaa jiru addeessa.
Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune QEERROO: Mootummaan Wayyaanee Wallaggaa Anaa Qeellamii fi Bakkoota Adda Addaa Irraa Network Balleessuun Ummata Wal Quunamtii Dhorkaa Jira |