Humni Dabalata Waraanaa fi Tika Wayyaanee Mooraa Yuuniversitii Jimmaatti Ramadame. Yuuniversitii Mattuu Ammoo FDG Itti Fufee Bulchiinsi Uni Barattootis Nyaata Dhorkamuun Akka Adabaman Taasise.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGCaamsaa 24,2014 Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa humna waraanaa guddaan fi humna basaasa Wayyaanee heddumina qabutu itti bobbafamee eegamaa jira.

Humni waraanaa fi basasaa kun barattoota nagaa qabee reebuu, hidhuu, doorsiisuu, barnoota irraa ari’uu, hojii idilee sa’aa 24 guutuu hojjetan godhachuun Yuunivarsiitii goolaa jiru.

Bulchiinsi Yuunibarsiitii Jimmaa humnoota basasaa fi tika Waayyaanee hedduminaan mooraa Yuunivarsiitii Jimmaatti guuramaa jiraniif dirqamaan waraqaa eenymmaa barattoota akka kennuuf dirqisiisamee, yeroo amma kanatti humni basaasaa fi tika Wayyaanee waraqaa eenyummaa barattoota Yuunibarsiitii Jimmaa irraa departimentiin wal qoqqoduun waraqaa eenyummaa barataa baafachuun qabatanii daree barnootaa seenuun waan barsiisaan barattootan jedhuu fi waan barattootni jedhaan basaasaa jiru.

Ammaan dura kutaa tokko keessa ta’ee namni barachuu qabu nama 50 ture yeroo ammaatti ammo heddumminni barataa kutaa tokko keessa nama 55 ta’ee jira.Kanneen fuula haaraa fi mooraa Yuuniversitii Jimmaa keessatti argamanii hin beeknetu muldhata. Kanuma keessaan tokkummaan barattoota Oromoo jabaachuun diina yaaddeessa fi raasaa jira.

Gama biraan Caamsaa 24/2014 FDG marsaan 2ffaa gootota Dargaggoota Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Mattuutiin itti fufee motuummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF sabaaba Barattootni Yuunivarsiitii maqaa gaaffii mirgaa jedhuun FDG narratti labsuun na jeeqaa jiru jechuun gootota barattoo Yuunivarsitii Mattuu irraa ‘Nyaataa dhaabuu’ beelaan barattoota adabaa jira, barattootni Yuunibarsiitii Mattuu guutummaa torbee kanaa nyaata dhabuun beelaan haleelama jiru, guyyaatti dabboo tokkon kan oolaan yoo ta’uu guyyaa kaleessaa irraa egaalee hangaa har’atti homaa kan hin nyaannee fi ulee beelaatiin reebamaa jiru. Haalii kun daran yaaddeessa fi lubbuuf ilee sodachisaa waan dhufeef guyyaa har’aa waaree booda sa:aa 10:30 local time irra egaluun FDG halaan finiinsan. Goototni barattootaa kunneen aarii beelaa fi haccuuccaa daangaa darbaa Wayyaanee balaaleeffachuun kaffee irraa nyaata nyaatan illee caccabsuun Fincilaa jabaa gaggeessaa jiru. Mootummaan yakkamaan kun seeraatti dhiyaachuu qaba, gaffii keenyaaf deebiin nuuf kennamuu qaba malee balaa beelaaf saxilamuu hin qabnu, barattootni hidhaman haa hiikaman, warra ajjeefameef gumaan kanfalamuu qaba, jechuun warraaqsa jabaa gaggeessa jiru.

Hiriira Mormii Magaalaa Finfinnee Har’a Caamsaa 24 Gaggeeffame Nagaan Milkaa’e!

Aside

Caamsaa 24 akkuma waamicha uummata Oromoo hundaaf yeroodhaa yerootti gufannaan jiraatullee dhiyaataa tureetti har’a hiriirri mormii Kongiresii Biyyooleessaan karaa nagaatiin xumuratee jira.Gabaasa walii galaatti osoo hin seenin dura akkuma beekamu mootumaan wayyaanee mormitoota qabaachu isaatu isa aarsa,gaaffimti maalif narratti ka’a kan jedhutu itti dhagayama of-tuulummaa fi abba irree tahuu isaa mirkaneefachuuf yoomiyyuu callise hin beeku. Mormiin dhimma Oromoo ilaallatu kun Finfinnee keessatti akka hin raawwannee gufuu ta’aa ture kan darbe dhiisnee kan kaleessaa irraa yoo kaane qindeessitootni kongiresii biyyooleessaa kun adeemsii hiriira kanaa fi uummata Oromoo guutummaan irratti hirmaachisuuf waamicha bakkoota hedduudhaan gahamaa tureera,keessattuu jiraattootni godinaalee addaa naannawaa Finfinnee hiriira mormii kana irratti akka argaman gama Qeerrootiinis waamichi darbaa tureera.Kaleessa Caamsaa 23 dhimma kanaaf waamicha godhame kan Godina addaa Laga Xaafoo,Buraayyuu fi Sulultaa irratti waamichi hiriira mormii kun uummata hunda akka hirmaachisuuf ta’e namoota gara godina kanaatti ergaman hedduun tikoota wayyaaneen qabamanii toohannaa jala oolanii jiru,kaan reebamanii waan seeraan deemamu xumurachuu qabnaadhaan hin dandeessan kan godina addaa isin hin galchu jechuudhaanis poolisoonni wayyaanee namoota dhimma kanaaf deeman rukutaa fi yeroodhaaf hidhaa turaniiru,garuu hin hafneef guyyaa har’aa hamma yaadame tahu baatus uummanni magaalattii keessa jiraatu hunduu irratti hirmaatee gaaffii isaa dhiyeeffachaa ooleera.Adeemsi hiriira mormii kuni kan gaggeeffame. -Akkuma waamicha godhameetti sa’a 3:00 irraa ka’uudhaan hanga sa’a 7:00tti gaggeeffamee ooleera.Bakki ka’umsa hiriira kanaas Kiiloo 4 irraa ka’uudhaan daandii riqicha Ginfillee qabatee hanga kutaa magaalaa Finfinnee Magganaanyaa keessa kutuudhaa baayina uummataa 10,000 ol tahuun dhaadannoo wal tahaa kan barattoota Oromoo yuuniversitii irraan Ebla 25 irraa kaasee itti fufe qabatanii jiru,dhaadannowaan ykn gaaffiwwan dhiyaatan wal duraa duubaan:
1.Lafti Oromoo ciramee gurguramaa jiru amma irraa kaasee akka dhaabbatuudha,
2.Naannowwan Finfinnee maree uummataan alatti xuqamuu hin qabu,tahus yoomiyyuu raawwatee federaala jala galuu hin qaban,
3.Namootni siyaasaan hidhamanii jiran yeroo utuu itti hin kennin haa gadhiifaman
4.Ajjechaan ilmaan oromoo irra jiru haa dhaabbatu
5.Hidhamuun barattootaa haa dhaabbatu
6.Lafi keenya saamamuun haa dhaabbatu
7.Mirgi keenya nuuf haa eegamu
8.Bilisummaa barbaanna!
9.Poolisiin uummataaf dhaabbate uummata hin ajjeesin
Kan jedhuun uummanni hammi argame gaaffii barattootni duraan kaasan mirkaneessuudhaan oolan.Namootni hedduun akka irratti hin argamne shirootni hedduun xaxamaniiru keessattuu barattootni yuuniversitii Finfinnee akka hin argamne waan godhame keessaa guyyaa har’aa guyyaa barumsi hin jirre Qormaata irra gochuudhaan barattootni hedduun irratti hin argamin turan barattootni muraasni kan argaman gaaffiin keenya dhaga’amuun isaayyuu qormaata caala carraa kana argannee dhimma itti bahuu qabna jedhanii qormaata wayyaanee akka jiraatu goote kana dhiisanii hiriira kana irratti argamanii jiru.Namootni hedduun sa’a wal buusaadhaan kan ka’e bakka hiriirri kun itti gaggeeffamu wal’aalanii kan deebi’an walakkaa namoota hiriira kana irratti argamanii ni taha,namoota booda irraan ka’an poolisoonni wayyaanee daandii gubbaa dhaabbatan sobanii uummatni daandii kana bobbahe jechuudhaan daandii namoota harkaa balleessaa turaniiru mudanno kana kan dubbatan hedduudha.Uummanni hammi yaadame bakka argamuu baatullee uummata hiriira kana irratti bobbahan habashoota mufachiisee akka jiru odeeffannaan dhaga’ama jira.Akkasuma sochii barattootni eegalan kana kan deggeru jiraachuu isaas mootummaan wayyaanees akka rifate odeessii garagaraa ibsa.Namootni dhoksaatti osoo namootni hin argin hiriira kana dhaqqabuuf qopha qophaa kaachaa turan tikoota wayyaaneen qabamanii dhokfamanis akka jiru odeessi himaa jira,namoota kana Qeerroon hordoffii godhamu taasisaa jira.Mootummaan wayyaane hedduu rifatee kanneen mootimmicha deggersan ilmaan habashootaas yaada yaddeessaa keessa akka galan ifatti mul’ate,waraabbii qabnu rakkoo dhiyeeffachuu dhabnus suurawwan kaafamaa turan asii gaditti kan argamaniidha.Gaaffiin mirgaa dhiyaachuun qixaa fi oromiyaa guutuudhaan itti haa fufu jenna.

SBO Caamsaa 25 Bara 2014 Oduu – Gabaasa Oduu Haala Biyya keessaa irratti – Gabaasa Hiriira Nagaa Hawaasa Oromoo UK London Marroo 2ffaa fi Dhimma Finfinnee irratti gaaffii fi deebii kana dura geggeeffame

Aside

Seenaa Gabaabaa Gooticha Oromoo Barataa Alamnaa Tashoomaa

Aside

Adla TashoomaBarataa Alaminaa Tashoomaa abbaa isaa Obb. Tashoomaa Baay’isaa fi haadha isaa Aaddee Qabbanee Luuccaa irraa bara 1988 A.L.H. aanaa Amboo ganda Qonnaan bulaa Qibaa jedhamee waamamutti dhalate. Akkum umuriin isaa barnootaaf gaheen bara 1997 mana barumsa Qibaa sadarkaa 1ffaa barnoota eegale. Kutaa 1ffaa hanga 7ffaa tti manum barumsaa kanatti baratee kutaa 8ffaa immoo mana barumsa Amboo Addis Katamaa sad. 1ffaatti baratee qormaata naannoo Oromiyaa kutaa 8ffaa fudhate. Barataa Alaminaa Tashoomaa erga kutaa tokkoo jalqabee barataa cimaa waan tureef qormaata kutaa 8ffaas qabxii gaarii galmeessisuun gara kutaa 9ffaatti bara 2006 darbe. Haluuma kanaan FDG Gootoota baraatoota Oromoo Amboon adeemsiifamaa ture irraatti Ebla 29,2014 osoo gootummaan gaaffii Oromoof jecha osoo gootummaan diina dura dhabbatee qabsawuu wareegama sabaa kafale. Wayyaanonni barattoota Oromoo gara jabina hamaan adamsanii haa ajjeessanuu gaaffiin mirgaa tasa hin dhaamu jechuun bakkoota adda addatti FDG itti fufee jira.

 

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal

Aside

Artisti Daadhii Galaan/ Dagachuu hin ta’u kan kalee

Aside

Seenaa Gabaabaa Gootittii Oromoo Barattuu Tigist Maammoo Simaa

Aside

Madda Walaabuu Tigist Maammoo

Barattoota Oromoo kan Yuuiversitoota garagaraat osoo karaa nagaan hiriira bahani dhimma abba biyummaa isaanii falmata jiranuu lubbuun isaanii waraana mootummaa Wayyaanen darbite keessaa seenaa gabaabaa barattuu Tigist Maammoo Simaa isiniif qooda.Tigist Abbaa ishee Obbo Maammoo Simaa fi Haadha ishee Aaddee Ayeetuu Maammoo irraa bara 1992 akka lakkoofsa Oromootti  Biyya Oromiyaa Godina Kibba lixa Shawaa Aanaa sadeen Sooddoo Ganda Saaririti jedhamutti dhalattee.Mana barnoota sadarkaa 1ffaa kan barattee 1_8 mana barnoota Calalaqa kan jedhamu miilan deemsa sa’a lama deemte barattee.sadarkaa 2ffaa 9_12 mana barnoota Harbuu Cululleetti baratte.Akkasuma qabxii gaarii fiduun Yuuniversitii  Maddaa Walaabutti waggaa 1ffaa barata osoo jirtuu  FDGf n gaaffii mirgaa baratooti Oromoo Ebla 28,2014 kaasaniin wal qabatee rasaasa diinaan wareega lubbuu saba Oromoof jecdha kafalte.

Gootittiin Oromoo Tigist Maammoo dhalattee ganna 22ti gootummaan uumata Oromoof wareega kafalete. Qabasaawaan yoo kufe illee Qabsoon itti fufee kaayyoo isaanii bakkaan ni gaha.

“OROMIYAA” Walaloo Warraaqsaa

Aside

 Miseensa Parlamaa Sirna Fashisitii Wayyaanee EPRDF fi Paresedantii Yuuniversitoota Oromiyaa Kanneen Ta’an Lammiileen Oromoo Gochaa Sukkanneessaa Wayyaaneen Oromoo Irratti Raawwatu Keessaa Akka Harka Isaanii Fudhaniif Qeerroon Bilisummaa Oromoo Kallattiin Dhaamsa Dabarse.

Qeerroo

Caamsaa 22,2014 Finfinnee

Paarlaamaan EPRDF (Etoophiyaa) Angoo kan hin qabane,Uummata Oromoo fi lammiilee biyyatti bakka bu’uu kan hin dandeenye ta’uu Qeerroon Ibsa gababaa haala paarlaamaa sirna EPRDF  fi gaaffii karaa nagaa FDG Uummata Oromoo gaafachaa jiruuf deebii kennama jiru irratti hundaa’uun mirkaneessee jira.

Dargaggootni barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo Yuunivarsiitoota, Kolleejjotaa fi manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa keessatti uummata waliin gamtaan hiriiruun gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa gaafataniif Mootummaan waraanaa fi qawween reebuun deebii kennee jira. Oromiyaa keessatti Presidenttootni dhaabbilee barnoota ol-aanoo Yuunivarsiitii miseensa Paarlaamaa sirna EPRDF ta’uun  abbaa irrummaa fi Faashistummaa uumata irratti deemsisaa jiru. Miseensotni kun itti gaafatama seenaa fi seeraa jala ba’uu hin danda’an.

Haala Yeroo ammaa  sochii warraaqsa dargaggoota barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota  olaanoo Yuunibarsiitii  keessatti qabateef  miseensotni Parlaamaa presidentooni Oromoo mooraa Yuunivarsiisii, dhaabbilee barnoota irraa gaaffii Uummataa karaa nagaa fi dimookiraasii  dhiyaateef   deebisuu irra Uummata nagaa gaaffii mirgaa gaafate irratti humna waraanaa bobbaasuun yeroo ammaa kanatti mooraan Yuunivarsiitota akka Jimmaa, Wallaggaa, Amboo, Mattuu, Adaamaa, Finfinnee, Harammayyaa, fi   Maddaa Walaabuu fa’aa  keessatti barattootni Oromoo Jumlaan hidhatti guuraman, humna Waraanaan reebaman, humna waraanaa fi tikaa Wayyaaneen ajjeefaman, humnoota Mootumma kanaan gara dabarfaman.

Yeroo gochaan suukkaneessa fi gara jabinaa kun barattoota Oromoo  dabtaraa fi isrsaasa(pencil)  malee meeshaa tokko of harkaa hin qabne irratti rawwatamaa jirutti  maqaa Presideentota Yuunivarsiitii Oromiyaa fi bakka bu’ummaa miseensa Parlamaa EPRDF qabatanii barattoota lammii isaanii ta’an Oromoota irratti daba kana fakkaatu warri raawwattan martinuu gaafatama seenaa bara baraa jalaa akka hin bane Qeerroon Bilisummaa bakka jiranitti xalayaa Waajjira Parezedantoota armaa gadiitti kenneen beeksisee jira.

  1. President Yuunibarsiitii Wallaggaa fi miseensa paarlaamaa sirna EPRDF
  2. President Yuunibarsiitii Amboo fi Miseensa Paarlaamaa sirna EPRDF.
  3. Presidenti Yuunibarsiitii Jimmaa fi miseensa Paarlaamaa fi Detaa Ministera Barnoota,
  4. President Yuunibarsiitii Mattuu fi miseensa Paarlaamaa sirna EPRDF.
  5. President Yuunibarsiitii Maddaa Walaabuu fi miseensa Paarlaamaa sirna EPRDF.
  6. President Yuunibarsiitii Harommayyaa fi miseensa Prarlaamaa sirna EPRDF.

Kanneen kunis ta’e warri hafan kaan aangoo fi sadaqaa mootummaan Wayyaanee itti kennuun dabarsanii ilmaan Oromoo akka hin kenninee fi daba gita hin qabne uumata Oromoo irratti raawachuu akka dhaaban Qeerroon Bilisummaa ifatti isaan beeksisee jira.

 

Oromo talk show hosted by Dawite Mekonen/ Waayee Eeenyummaa Irratti Gorsa Barnoota Qabu!

Aside

http://youtu.be/PW6vhAkBMko