Kaabinootni OPDO fi bulchitootni aanaa Utuu hin hafiin Ummaanni Jumlaan reebamaa fi Hidhamaa jira.

Aside

Gabaasa Qeerroo Lixa Shawaa Caamsaa 7,2014

Caamsaa 7/2014 Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti Waraannii Wayyaanee Uummata,Baratootaa, Qotee Bulaa, Kaabinoota Bulchiitoota, Itti Gaafatamtoota Wajjira OPDO illee utuu hin hambisiin jumlaan reebaa jiru. Jumlaan hidhaatti guuraa jiru, uummaannii amma illee diddaa isaa utuu wal irraa hin kutiin jabeessee itti fufee jira.

Bulchaan Aanaa Midaa Qanyii Obboo Shuumii Lataa Waraana Wayyaaneetiin akka malee reebame. uummatatti karaa nagaa harka
kennatte jechuun waraannii wayyaanee bulchaa aanaa midaa Qanyii lafarra harkisee rebbichaa ulfaata irratti rawwatamee jira,
Hoogannootni waajjira OPDO aanaa Midaa Qanyiis humna waraanaa wayyaaneetiin reebamanii hidhamaniiru.

Uummaannii Oromoo aanaa Midaa Qanyiitti argamuu qonnaan bultoota, barattootaa, daldaltoota, barsiisota, hojeettoota mootummaa dabalatee nammootni dhibbaan lakkaa’aman konkolaataa waraanaa Wayyaaneetiin abamanii ukkamsamanii gara dabarfamaa jiru, eessatti akka hidhaman kan hin beekamnee namoonni 400 olitti lakka’aman qabamuu maddeen keenya gabaasaniiru. maqaa guuttuu namoota hidhaman kana gaabasaa itti aanu keessatti ni dhiyeesina.

WBOn Kibba Oromiyaa Keessa Sosso’u Waraana Wayyaanee Irratti Tarkaanfii Fudhachuu Isaa ABOn Beeksise.

Aside

Gootichi WBOn Moora Waraana Wayyaanee Guddaa Moyyaalee Jiru Weeraruun Tarkaafii Jabaa Fudhate

OromiyaaMadda Oduu ABO/MOA/Caasaa 6, 2014 Dhiigni Barattoota Oromoo fi ummata Oromoo falmii mirga abbaa biyyummaa irratti dhangala’ee fi lubbuun ba’e yeroo fi bakka fedhettuu haa ta’u gumaan isaanii ni deebi’a jechuun WBOn Godina Kibbaa Tarkaanfii Qubsuma waraana wayyaanee irratti fudhateen loltoota diinaa 15 ol hojiin ala godhe.

Gootichi WBO Godina Kibbaa gumaa ummata isaa baasuu fi bilisummaa ummata Oromoo dhugoomsuuf falmaa geggeessaa jiru Caamsaa 06, 2014 barii guyyaa har’aa sa’aa 6:00 irratti magaalaa Moyyaleetti kan argamu kaampii waraana wayyaanee guddicha irratti tarkaanfii boonsaa fudhateen loltoota wayyaanee 8 ajjeesuun, 7 ol ammoo akka hamaa madeessuun injifannoo galmeessuu isaa Ajaji WBO Godina Kibbaa beeksiseera.

Mooraan waraana Wayyaanee magaalaa Mooyyaleetti argamu kun humna kumaandoo fi poolisa Federaalaan jabeeffamee dahannoo cimaa tolfatee kan achi maadheffatee jiru ta’uu kan ifa godhe Ajaji WBO Godina Kibbaa, WBOn murannoo fi kutannoon tarkaanfii irratti fudhateen kasaaraa gudddaa irraan gahuu oduu tarkaanfii waraanaa ergeen beeksiseera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Godina Kibbaa tarkaanfii qubsuma waraana Wayyaanee magaalaa Moyyalee irratti fudhate kanaan qawweelee AK. 8 fi rasaasota gosa adda addaa hedduu booji’uun dantaa QBOf kan oolche oggaa ta’u, qabeenya diinaa tilmaamni isaa guddaa ta’es barbadeessee jira.

Waraanni Wayyaanee tarkaanfii WBO Godina Kibbaan irratti fudhatameen baarage meeshaalee gugurdaa karuma arge irra dhukaasuun ummata nagaa naannoo jiraatu gooluu fi balaa irraan gahuunis ibsameera.

Tarkaanfiin diinaa fi ergamtoota diinaa irratti fudhatamu bakka hundattuu jabaatee itti fufa kan jedhe Ajaji WBO Godina Kibbaa, ummatni keenya wareega fedheefuu osoo hin jilbeenfannee fi harka hin laanne, falmaa mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa isaaf godhaa jiru caalaatti jabeessee akka itti fufuu qabu dhaamee, WBOs karaa isaaf danda’ame hundaan osoo aara hin galfanne gumaa lammii isaa baasuuf kan warraaqu ta’uu beeksiseera.

Ethnic Oromos protest in Cairo over violence in Ethiopia

Aside

Raadiyoon Seife Nebelbal Gaaffii fi Deebii Qeerroo Waliin Taasise

FDG daran jabaachuu irraan Mootummaan Wayyaanee ,Wallagga, Anfilloo fi naannoo irraa ummata Oromoo jumlaan hidhaa jiraachuun beekame.

Aside

Diddaa

Caamsaa 7,2014 Dambi Doolloo

Kun madda gabaasaa Qeerroo Qellem,Dambi Dolloo har’a Caamsaa 07/2014 ti.FDG kaleessa Caamsaa 6 FDG kan eegale mootummaa wayyaanee raasuudhaan uummata oromoo irratti dhukaasa banuun isaa gabaasota irratti dhiyaataa ture,uummanni gaaffii mirgaa gaafachuun isaa utuu wal irraa hin citin kan itti fufaa jiruudha,diddaan magaalaa Dambi Dolloo irratti ka’e akkasuma magaala Anfilloo Muggi irratti barattootaa fi uummanni gamtaadhaan hiriira gaaffii mirgaa dhiyeessuudhaan dhaadannoo dhageessisuu fi kanneen gufuu qabsoo Oromoo ta’uu yaalan ariyuun magaalaa keessa baasuu irratti argaman. Eda halkan waraanni wayyaanee bakka dhufee kan hin beekamne humni addaa konkolaataa hedduudhaan magaalaa Dambi Dolloo qubatee bule akkasuma walakkaan ammo gara magaalaa Anfillootti kan fe’ameedha. Har’a Caamsaa 7 Anfilloo gandoota garaaraa keessaa uummata Oromoo jilmaadhaan mana hidhaatti guuraa turaniru,akka walii galaatti magaalaa Muggii,ganda Ashii fi Garjeedaa jedhamu qofa irraa uummata dhibbaan lakkawaantu hidhamee jira,manni hidhaa wal hankaakee jira jedhu Qeerroon,keessattuu jiraattota ganda Garjeedhaa hidhataa fi qajeelfama ABOtiin hojjetaa jirtu jedhuun guutummaatti namoota achirraa mana hidhaatti naqanii jiru,manni hidhaa magaalaa Anfilloo irra jiru weelluu qabsootu keessaa dhaga’ama,hidhamtonni hunduu sirba qabsoo dhageessisaa oolan,hamma amamatti barataan hojjetaan qote bulaan humnoota wayyaaneetiin gara mana hidhaatti guuramaa jiru jedhu Qeerroon magaalaa Dambi Dolloo irraa,itti fufa!

Barataa Yuuniversitii Adaamaa Addunyaa Kiisoo Dabalatee Hedduun Waraana Wayyaaneen Bakka Buuteen Wallalame.FDG Itti Fufe

Aside

Caamsaa 7,2014 Adaama
Gaaffii mirga saba Oromoo barattooti Oromoo goleelee Oromiyaa adda addaa keessatti osoo wal irraa hin cinne gaaffii mirgaaf sosso’aa jiraachuun beekama. Addatti ammoo barattooti Oromoo Yuunivesitii gara garaa biratti gaaffiileen haqaa ka’een mootummaan Wayyaanee yaddoo keessa galee jira.
Haala kanaan barattooti Oromoo Yuuniversitii Adaamaa yeroo gara garaatti gaaffii mirgaa gaafataniif jecha mootummaan Wayyaanee heddumminaan hidhaa ture,ammoos barattoota qaroo fi ija hawaasaa ta’an funaanuun bakka buutee dhabsiisaa jira.
Barataa Yuuniversitii Adaamaa Addunyaa Kiisoo jedhamu FDG keessatti adda durummaan qindeessitee jira sababa jedhuun loltoota Wayyaaneen adamfamee qabamuun mana hidhaa hin beekamnetti fudhatamee akka jiru gabaasi Qeerroo Adaamaa Caamsaa 7,2014 addeessa.
Kana ta’us barattooti Oromoo Yuuniversitii Adaamaa FDG itti fufuun barattooti kun akka hiikamaniif hatattamaan gaafaanii jiru.

 

Raadiyoo Sagalee Oromoo Oromo Caamsaa 7,2014

Aside

Yuuniversitiin Jimmaa Mooraa Qubsuma Waraana Wayyaanee Fakkaate. Sababaa FDG Ka’een Barnootis Guutummaatti Dhaabbachuun Beekame.

Aside

photo0407Caamsaa 7,2014 Sababaa FDG marsaa addaan deddeebi’ee ana iratti ka’uuf jedha jedhuun  mootmmaan abbaa irree Wayyaanee humni waraanaa guddaa gara godina Jimmaa, Magaalaa Jimmaa fi Yuunibarsiitii  Jimmaatti guuruun eeggichaa guddatuu Yuunibarsiitii Jimmaa Irratti gaggeeffamaa oole. Haala kanaan har’a guyyaa guutuu mooraan Yuuniversiitii Jimmaa humna Waraanaa guddaan eegamaa olee, yeroo amma kanatti warraana Wayyaanee duraan mooraa Yuuniversitii keessa qubatee jiru irratti dabalamee lakkoofsi waraanaa heddumminaan mooraa keessa jira.Yuuniversitiin Jimmaa mooraa barnootaa irraa gara mooraa waraanaatti waan jijjirame fakkaatti.

Barattootni  Oromoo  Yuunivarsiitii Jimmaa guutummaatti barnoota dhaaban, hanga gaaffii keenyaaf deebii qubsaan nuuf kennamuu fi yaada keenya karaa walaabaa fi ifaa ta’een ibsachuu dandeenyuttii fi ajjeechaan, hidhaan, nurra dhaabbate, humni waraanaa Mooraa Yuunibarsiitii gadi lakkisutti barnoota guutummaatti dhaabuu Barattootni Oromoo  Yuunivarsiitii Jimmaa beekisisan.

Kana malees mootummaan Faashistii Wayyaanee  saboota biroo hidhachiisuu fi karaa caasaa tikaa fi dabballee isaa yakka waraanaa barattoota  irratti dhuka’aa dhoosuuf  yaalii gochaa jirachuun saxilamee jira.

Dabballoonnii Wayyaanee fi  basaastootni Wayyaanee bmeeshaa dhuka’aa ofii  fudhanii mooraa yuunivarsiitii  Jimmaa seensisanii poolisiin qabaman gaaffii tokko malee gadi lakkifamanii jiru, Mootummaan Wayyaanee dursinee gaaffii mirgaa karaa nagaa  waan gaafanneef dogogginsa Sanyii (Genocide) nurratti rawwachaa waan jiruuf uummaanni addunyaa fi dhaabbileen mirga nammummaaf dhaabbatan akka birmataniif sagalee ol kaasuun dhaddannoon mooraa keessatti yeroo dhageessisan gabaafamee jira.

 

 

OMN; Oduu Reefu Nu Gahe (Breaking News) Caamsaa 7, 2014

Aside

Aside

Chicago: Rally for Solidarity with #OromoProtests and for Justice – May 06,2014

Washington-DC: Rally for Solidarity with #OromoProtests and for Justice – May 06,2014