Dargaggoota Oromoo Ayiraa Gullisoo fi Dabballoota Wayyaanee Jidduutti Rakkoon Ture Itti Fufe.

Fulbaana 26,2012 FinfinneeMootummaan Wayyaanee yeroo irraa yerootti dabballoota isaa ummata keessa bobbaasuun yaadota fedhii ummataa waliin wal hin gitne facaasaa ture. Godina Wallaggaa aanaa Ayiraa Gullisoo keessatti baatii jahaa oliif dabballoota naannoo sanii fi Qeerroo jidduutti rakkoon uumame itti fufee yeroo ammaa kana humni poolisa Wayyaanee dabballota isaa tumsuuf jecha qeerrootti bobbauun hiraarsaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.
Fulbaana 25,2012 irraa kaasee hanga ammaa magaalaa Ayiraa keessa dargaggoota Oromoo jiraatan mana irraa manatti adamsuun hiraarsaa kan jiru humni hidhataa Wayyaanee Oromoof gara laafina akka hin qabne muldhisa, miseensii fi qondaalli OPDO Tashoomee Darajjee kan jedhamu magaalicha keessa deemuun dargaggoota gabaasuu fi qabsiisuu akkasumas hiraarsuutti akka jiru beekamee jira.
Haala kanaan kan mufate ummanni Oromoo naannichaa diddaa fi sagalee mormii isaa dhageesifachaa akka jiru qeerroon naannicha irraa gabaasa.
Gama biraan Godina Shawaa lixaa aanaa Walmaraa mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Wal maraa keessaa mootummaa Wayyaaneen yakkamee ukkaamfamuun mana hidhaa Wayyaanee keessatti bara darbe kan darbame ture barataa Geetuu Dhaqqabaa erga hidhaa irraa gadhiifamee gara gabatee barnootaa isaatti deebiuuf yeroo gaafatu ati diina mana barumsaatti hin deebitu jedhanii mana barnootaa akka dhorkan beekame.Hoogganaan mana barumsaa kanaa Abbabaa Haayile Maariyam ajaja mootummaa Wayyaanee irraa kaee akka barataa kana mana barnootaatti hin deebifne tauu ibsee jira.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s