Qeerroon Magaalaa Dambi Doolloo Walgahii Godhatan Irratti Ejjennoo Fudhatan

Aside

Fulbaana 10,2012 D.Doolloo

Gabaasaa Godina Qellem,Magaalaa Dambi Dolloo irraa nugahee jiruun barattootni yuuniversity,koollejjii,mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa irraa galan walitti dhufanii barumsaan bilisaa uummataaf kennuuf walii galan.

Kaayyoon isaan qabatanii ka’anis maalummaa  Oromoo fi qabsoo bilisummaa irratti gaheen ummata Oromoo maal akka ta’e hubachiisuu irratti kan xiyyeefate yeroo ta’u xumura barnoota isaanii irratti ejjennoo armaa gadii fudhatan.

  1. Oromummaan ,Sabboonummaa,Tokkummaa fi Diimokiraasiin hundee siyaasa keenyaa akka ta’e hubannoo qabnuun darbinee saba keenya hubachiisuuf kaayyoo tokkummaatiin kaaneerra,
  2. Nuti shamarran,Dhiira,Hiyyeessa Dureessa utuu hin jedhin,lagan utuu wal hin qoodin kaayyoo Addi Bilisummaa Oromoo qabatee ka’e isa hangafaa,Bilisummaa Saba Oromoo argamsiisuu fi gonfachiisuutiin akka ta’e,nutis gama keenyaan kaayyoo kana galmaan ABO waliin ta’uudhaan galmaan gahuuf wareegama seena qabeessa taheef kufuu filachuu keenya murtoo keenya ibsanneerra,
  3. Cunqursaan mootummaa abbaa irree(Dictatorship) itti fufee akka hin bulchine diimokiraasii fi sagaleen uummata keenyaa hamma olaantummaa argatee mirkanaa’utti qabsoo eegalle kana karaa nagaatiin itti fufnee kaayyoo tokkoon dhaabbachuu keenyaa fi murtoo keenya dabarsina,
  4. Gumaa gootota keenyaa baasuuf wareegama barbaachisu kaffaluuf murteessinee kaanerra,
  5. Mootummaan abbaa irree baroota isaa keessatti uummata Oromoo cunqursa hangana hin jedhamne geessisaa ture,keessattuu Oromoo lafa isaa buqqisaa,hidhaa fi ajjechaadhaan ,lubbuu saba keenyaa balleessaa,darara hangana hin jedhamne geessisaa akka ture mootummaa addunyaa biratti beekamee jira. Mootummaan kun akkuma dhabamee jiru sirni isaas dhabamuu akka qabu,itti fufee akka hin hojjenne dura dhaabbachuuf murteeffannee kaanerra,

Jedhchuun dargaggoonni magaalaa DDtti wal gayanii ibsaanii ejjennoo fi karoora qabatanii ka’an akkanaan dabarsanii jiru.

Injifannoon Uummata Oromoof!!

Godina Lixaa Shawaa Magaalaa Ambootti Uggurri Mootummaan Abbaa Irree Daldaltootaa irraa Ka’ee itti fufe

Aside

Fulbaana 10,2012 Amboo,

Fulbaanaa 8,2012 Magaalaa Amboo Ganda 03  dabballoonni Wayyaanee OPDO’n  hayyama daldalaa hin qabdaan jechuun daldaltoota irraa qabeenya isaanii saamsisaa jiraachuun beekame.Haala kanaan ergamaan Wayyaanee kan magaalaa Amboo blchu namni Kumalaa jedhamu manneen nagadaa ganda 03 keessa jiran hedduu namoota hin beekamnee fi poolisoota magaalichaan saamsisuun beekame.

Haala kanaan daldaltoota qabeenyi isaanii jalaa saamame keessaa

1.Chuchuu Nagaasaa,

2, Bulloo Tsaggaayee,

3, Badhaasaa Sisaayi

4, Shaashoo Maamush

Kanneen jedhaman keessatti argamu.

Kana malees shirri mootummaa Wayyaanee itti fufee waldaalee daldalaa hedduu cufe keessaa waldaaleen

  • Jiinenuus
  • Lalistuu
  • Jaallannee
  • Hiriyyaa Waliin
  • Micro

Kanneen jedhamani cufamuun qabeenyis sabamee akka jiru gabaasi Ambo irraa nu gahe addeessa. Daldaltooti qabeenyi isaanii samame kun abbootii aangawoo Wayyaanee fi bulchitoota itti iyyannaa isaanii yoo  dhiheessan illee dhageettii hin argatiin jiru.