Fulbaana 11,2012 Mattuu
Godina Iluu abbaa Booraa aanaa Cooraa keessatti mootummaa dhabee kan rakkachaa jiru Wayyaaneen dargaggoota Oromoo hiraarsuu itti fufee jiraatu illee ummanni diddaa isaa cimsee itti fufee jira.Wayyaaneen bara kufaatii isaa keessa tasgabbii dhabinsi hedduumminaan kan isa mudate jala dhaabbachuuf dargaggoota Oromoo hidhuun waan furmaata kufaatii irraa isa oolchu argatu itti fakkaatee dabballootaa fi ergamtoota milishaa ta’an ganda irra bobbaasuun ummata dorsisuu fi hidhuun ittuma jira. Dabballoonni kun aangawoonni Wayyaanee kufaatii isaaniif waan godhan wallalanii akka wajjabbaraa jiran illee irraa quba hin qaban,hojiin isaanii ummata hidhuu fi nagaa tasgabbii dhorkuu qofatti bobba’anii jiru.
Haaluma kanaan godina Illuu Abbaa Booraa keessatti Wayyaaneen yeroodhaa yerootti dargaggoota Oromoo hidhuun hiraarsaa kan turee fi qotee bultoota lafa isaanii irraa kaasuun investerootaaf kennuun ilmaan Oromoo cunqursaa kan ture yoommuu tahu,yeroo ammaa kana garuu diddaa qeerroodhaa itti jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf hidhaatti guuraa jira.Fulbaana 10,2012 dargaggootni Oromoo
1. Muzamil Abdu kamiil
2. Caalaa Biraanuu
3. Kamaal sayid
4. Suleeyman abduqadir
Jedhaman mana hidhaa galchanii akka jiran gabaafama.
Sochiin dargaggoota biyyoolessaa Qeerroon naannoo sanitti godhaa jirus kanuma waliin jabaatee itti fufee jiraachuu gabaasi qeerroo naannicha irraa nu gahe addeessa.
Haaluma wal fakkaatuun wayyaaneen yeroo ammaa ilmaan oromoo godina shawaa lixaa,wallagga lixaa fi Karrayyuu maqaa ABO deggertu, gadda Mallasaaf bahuu diddanii fi sababoota adda addaan rakkisaa jiraachuun beekame.
deggert jedhuun rakkisaa jiraachuu fi .