Seife Nebelbal Weekly Radio Program, Interviews Jawar Mohammed
Aside
Fulbaana 22,2012
Gabaasaa godina Qellem,Ona Gidaamii irraa addeessuun,Fulbaana 19 gandoota sadii;Burii,Coomman Keellaa fi Qumbaabii Shaappii jedhamutti uummannii fi Qeerroon wal tahuudhaan daandii,mukeen,manneetii wajjiraale fi mana barumsaa irratti waraqaa dhadannoo Oromiyaan ni bilisoomti, Oromoon tokkummaan ka’uu fi mirga isaa falmachuun yoona fi ni Injfanna malee hin injifatamnu kanneen jedhanuun maxxansaa akka turan gabaasi nu gahe addeessa Dhaadannoon kunis itti fufee akka jiru gabaasaan hima.
Gama biraan Fulbaana 20,2012 ganamaan mana barumsaa qophaayinaa Minilik,Finfinnee naannoo Kiiloo 4 tti kan argamu keessatti qeerroon afaan amaaraan Mallasaan yoo du’es sirni inni kaaye achuma waan jiruuf ummatooti osoo wal hin qoodiin tokkummaan ka’anii mirgoota sabaa falmachuun akka itti jiru kan ibsu afaan Amaaraan barreefffamee kutaa barnootaa jiran(kutaa barnootaa 18) mara keessatti maxxansamees ta’e faca’ee jiraachuu qeerroon gabaasa.
Haaluma kana irraa kaasuun barattoota barnootaaf seenanii jiran irratti qorannoon poolisotaan gaggeeffamaa akka jiru fi barattoota moorichaan isin keessaa nama kana barreesse saaxila jedhanii walgayii adeemsisaa akka jiran, tahuu baannan barumsa kana itti hin fuftani, nama kana barreesse ariuuf utuu hin taanee gorsinee deebisna jedhanii barattoota kana gowomsaa jiraachuu isaanii,barattootnis nuti waardiyaa miti, eegumsi kanaa isin irra jiraata nutu eega miti kanaaf nurraa callisaa jechaa akka jiran qeerroon gabaasee jira. Mooraa seenuun huccuu unique tae irraa kan hafe barataa huccuu addaa uffatee seenu qabaa jiraachuu isaaniis gabaasi nu gahe addeessa.