Duá mataa Wayyaanee Mallas Zeenaawiitti fufee bakka fudhannaan barcuma muummicha ministeeraa eegamaa ture osoma lafa irra harkifamuu amma raggaafameera. Kunis ‘dabarsii aangoo karaa nagaan raawátame’ jedhamee guddoo yoo irraa ololamu dhagahama. Ololli dagachiisaan kun gonkumaa fudhatama kan qabuu miti. ‘Dabarsii aangoo karaa nagaan raawátame’ jedhamuun kan danda’amu osoo Mallas Zeenaawii otuma lubbuun jiruu namni gara biraan filmaata haqaa ummataatiin moohee barcuma aangoo isaa yoo dhaalee ture. Eega Mallas duée booda ammoo jaalatamus jibbamus barcuma isaatti namni biraan dabruun dirqamuma ture malee arjoominaa fi gara laafinaWayyaanotaatiin kan raawátame miti.
Kanayyuu tahee ammoo jijjiirraan amma irraa ololamaa jiru ulaagaa jijjiirraa sirna mootummaa kan guutu akka hin taane eenyuyyuu ni hubata. Jijjiirraan imaammata sirnichaa osoo hin taane maqaa namaa qofa jijjiiruu irratti xiyyeeffate kun kan ummatoonni cunqurfamoon, keessattuu ummatni Oromoo abdii irra kaayyatanii miti. Imaammatni fi caasaan cunqursaa Mallas Zeenaawiitiin wixinamee dabballootaWayyaaneetiin hojii irra oolaa bahe harás bakkuma isaa jira. Namni HaylamaariyaamDassaalany jedhamu kan maqaaf bakka Mallas Zeenaawii bué akka nama tokkootti muláta mataa isaa homaatuu akka hin qabne sirna muudama isaa shiraan guutamee irratti haasawa dhageessise keessatti himateera. Barcuma Mallas kan dhaaleefis, deemsa bulchiinsa abbaa irrummaa fi
faashistummaa gooftaa sirnichaa Mallas Zeenaawii akkuma jirutti itti fufsiisuu irraa kan hafe dirqamaa fi gaafatama biroo akka hin qabne hubachiise. Akka nama tokkoottimuláta mataa isaa yoo qabaates mulánni isaa sun kan warra TPLF irraa adda yoo tahehojii irra ooluus hin dandaú.