Godina Wallagga bahaa keessatti Dabballoonni Wayyaanee uummata Oromoo fi Uummata Beenishaangul Gumuz marraa biraaf walitti buusuu itti fufan

Aside

Fulbaana 14,2012 Giddaa

Mootummaan Wayyaanee erga aangootti bahee uummatni biyyattii keessaa guyyaa tokko nagaan oolee bulee hin beeku.Wayyaaneen bittaa umrii isaa dheereffachuuf yeroodhaa gara yerootti uummattoota biyyattii shira garaa garaa xaxuun walitti naqaa yeroo bittaa dheerefachaa yoonaan gahe.

Godina Wallagga bahaa aanaa Haroo Limmuu,Eebantuu fi Jiddaa keessatti ilmaan Oromoo fi Uummata Beenishaangul Gumuz yeroo dheeraaf nagaa fi jaalalaan waliin jiraachaa turan walitti buusaa turuun isaa ni yaadatama.Haalli kun ammas itti fufuun aanaa Haroo Limmuu bakka garbaa jedhamutti walitti bu’insi shira mootummaa Wayyaaneen bixxilameen Oromoo fi uummata Beenishaangul Gumuz gidduutti taasifamaa jira.

Haala kanaan Oromoonni nama lama Hundumaa Caalaa if Wayyaasaa kan jedhaman haalaan madaayanii jiraachuu fi gara ummata Beeneshaangul Gumuzii irraas miidhaan akka gahee jiru gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.

Gama biraan Oromoota nagaa gaaffii mirgaa gaafattan dargaggoota Oromoo qindeessitan sababa jedhuun namoota aanaa Eebantuu fi Qeelloo irraa hidhuun dararaa akka jiran gabaafame. Fulbaana 13,2012 namoonni hidhaman

1.Obbo Addunyaa Goobanaa bulchinsa aanaa 2.Obbo Taakkalaa Tolosaa itti aanaa Bulchinsa aanaa 3.Barsiisaa Dachaasaa Wayyeessaa

Kanneen jedhaman hidhaa naannoo irraa gara Maa’ikelaawwiitti dabarfamuun beekame. Wayyaaneen ofii tasgabbii dhabee milishoota gandaa mindaa dabaluun maallaqa dabalataa kenneefii akka isaan ummata nagaa jeeqan taasisaa jira.

Qeerroon Harargee lixaa Mi’eessoo dhimma QBO irratti marii godhatan.Ilmaan Oromoo maraafis waamicha dabarfatan.

Aside

Fulbaana 15,2012

Godina Harargee lixaa keessatti qeerroon naannoo Mieessoo walitti dhufuun dhimma qabsoo Oromoo irratti marii gaggeessan.Qeerroon naannoo kanaa walii isaanii mariyachuu irra darbanii barnoota uummata naanoof kennaa kan turan ta’uun beekame. Kana malees karaa biraa hojiilee qabsoo farra gabrummaa fi olaantummaa balleessuuf gochaa jiran gamaggamanii hojiin QBO adda durummaan dargaggoota irraa eegama kan jedhu irratti walii galanii FDG jabeessuuf murteeffatanii jiran.

Ibsa ejjennoo isaanii keessatti hamma bilisummaan ilmaan oromoo mirkanaauu fi Oromiyaa irratti Oromoon abbaa murtii tahutti qabsoo hadhaa akka fufan ibsanii jiran.Mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo fi Affaarii yeroo ammaa kana walitti buusuuf shira inni xaxu adda durummaan hojii keenyaan fashalsuu fi ollummaa gaariin waliin jireenya ummatootaa gaarii fi nagaa irratti hojjechuuf jabaannee hojjenna jedhanii jiru.

Wayyaaneen dargaggoota Oromoo naannoo kanaa yeroodhaa yerootti mana hidhaatti guuruun messhaa waraanaa naannessitu,ABO waliin hidhata qabdu,miseensa ABO ijaaraa jirtu jechuun doorsisaa jiraachuu Qeerroon naannoo kanaas ifa godhanii jiran.Bara mootummaan Wayyaanee tasgabbii dhabee fi ilmaan Oromoo irraa waaanjoon darbamuu geessetti uummatni Oromoo tokkummaan akka mirga isaa falmatu waamicha dabarsanii jiran.