Fulbaana 30,2012Guyyaa har’aa irreechi Bishooftuu Oromiyaa keessatti sirna howwaa fi haala addaan kabajamee jira.Sirna kana kabajuuf jecha sabboontotiin Oromoo Oromiyaa bakka gara garaa irraa kan fageenyaa fi dhihootti araman hedduun irratti argamanii qophicha adda godhanii jiru. Addatti dargaggoonni Oromoo guyyaa jala bultii isaa irraa kaasanii haala addaan hirmaannaa isaanii muldhisaa haajiraatan malee mootummaan Wayyaanee ayyaanicha fashalsuuf jecha humna waraanaa heddumminni isaa kan ummata irreechaaf bahe gadi kan hin taane gara kanatti bobbaasuun ayyaana kana fashalsuuf yaalii guddaa godhe.
Haala kana keessatti dargaggoota fi ummata Oromoo keessaa namoota 100 ol qabanii hidhaatti guuruu fi video waraabamee fi suuraalee kaka’an mara irraa saamee bakka inni buusee hanga ammaa hin baramiin jira. Ayyaana kana irratti FDG ni ka’a sababaa jedhuun Oromoonni aadaa isaanii akka hin muldhifne yaaliin hin godhamiin hin jiru. Sabni keenya bara irraa baratti guyyaa irraa guyyaatti rakkoo haala hamaa keessatti miidhamaa waan jiruuf jabaannee ka’uu fi tokkummaan gabrummaa akkaanii keessaa bahuu malee furmaati hin jiru.
Gama biraan video lee fi suuraaleen qindaayan gariin loltoota Wayyaanee fudhatameera. Kan hafe ammoo yeroo gabaabaa keessatti qindeessuun akka ummata keenyaan geenyu dhaammanna.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!
Safuu Rabbiif, safuu sabaaf.
Tokkummaan Oromoo Haa Lalisu aangoo diinaa haa cabsu.
Uummati ba’aan kun hUmna isaa rasaasa maleeyyuu argisiisuu ni danda’ fakkaataam. Attamitti yoo jedhamee, homalle nagaan walii galanii diduu.
Muuxannoo saba Lammii Gurrachaa biyya Ameerikaa baroota 1960 keesa Hogganaa Maartiin Luuter King faan deemsisan hojii dhimma baaseerea humna FBI caalee sirna gabrummaa diigeera..
Fakkeeyyaaf gabaatti ba’ee bittaaf gurgurtaa diduu,hojiif, mana barnootaa dhiisuu, wal immoo gargaaruu, beela-dheebuu wa baasuu, kkf. Akka Uummanni Oromoof aadaf amantoonni isaa biyya Itophia keessatti kabajamuu qabu haalamu hin qabu, falmamuu ffi qaba malee.
Diddaa akkasii yoo waldhaansooitti dabalanii mirgaa fi birmaduu Oromoof falman malee humni hacuuccaa aangoo ummataa arguu hin danda’u.
“THERE IS NO FREE ETHIOPIA WITHOUT THE FREEDOM OF THE OROMO PEOPLE.”
Abdi.