Isho! Yaa Qeyroo Koo

Aside

Ishoo yaa Qeyroo koo ilma guyyaa rakkoo

Itti fufi qabsoo ni moota gaaf tokkoo

Qeeyroo Oromootaa kan sabaf dhaabbatee
Lubbuu isaa if kennee irbuu tarkaanfatee

Abdii saba Oromoo guca bilisummaa
Summii rooristootaa yaa farra gabrummaa

Gumakafal sabaa qeeyroo mataa tuutaa
Sumaatu moohataa injifannoon galtaa

Biiflee ilma Oromoo mallattoo jeynummaa
Gooticha waraanaa jayna sabboonummaa

Nuti aanoonni kee Qeyroo si abdannaa
Dukkana gabrummaa siini keessaa baanaa

Sadoo fii qananii irraan tarkaanfattee
Saba bilisoomsuuf qawwee lafaa kaasttee

Yaa qabsaaaa sabaa kan lammiif laalatuu
Roorroo saba keetii ati hin fudhattuu

Abshir yaa Qeyroo koo si faanarra jirraa
Waan dandeenyu maraan si cinaa hiriirraa

Abdadhu saba kee Lenca Oromtichaa
Injifannoon keetii gobaani nuuf galtaa

Bobbaan kee milkii dhaa galti kee gammachuu
Qeyroo ilma Oromoo faana si haa tolchuu!!!

xxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxxx
Injifannoo Ummata Oromoof!!!

Ni moona hin shakkinu!!
Makiyaa Abdullahii /Binta-Dirree/

September 17, 2012 Gadaa.com

Uummatni Oromoo naannoo Booranaa Abbaa Irrummaa Wayyaaneee Balaaleffachuun Bulchiisa Gabroomfataa Irrattis Diddaa Dhageessisan.

Aside

Haala sochii walii galaa biyyattii keessatti adeemaa jiruun wal qabatee ilmaan Oromoo Godina Boorana kora taauun murtii mootummaan wayyaanee akka isaan hin bulchinee fi cunqursaan bara baraa akka isaan irraa dhaabbatu walii gale.Uummatni Oromoo bilisaan dhalatnee garboomnee hin jiraannu jechuun murtii kana dabarfatee jira.Wayyaaneen yeroodhaa yerootti dargaggoota hojii dhabdummaan rakkatanii fi uummata nagaa maqaa miseensota ABOn mana hidhaatti guuruun nurraa haa dhaabbatu jechuun murtii dhumaa dabarfatanii jiran.Haaluma wal fakkaatuun Godina Booranaa aanaa Areeroo keessaa Oromoonni dhimma nageenyaan mootummaa Wayyaanee waliin hojjechaa turan mootummaa Wayyaanee rakkoo siyaasaa fi diddaa ummataan dhabamaa jiru dhiisuun qabsoo bilisummaa Oromootti dabalamanii jiran.Mootummaan Wayyaanees gocha ilmaan Oromoo Booranaa kanaan kan baarage waraana hedduumminaan bobbaasuun milishoota gandaa maqaa qorannoon rakkisaa jira.Walgahii wayyaaneen waamaa jirus aanaa Areeroo keessattii fi bakkeewwan birootti fudhatama dhabee jira.