Diddaan Ummataa Itti Fufe

Aside

Fulbaana 06,2012 Anifilloo

Duuti muummicha ministeeraa Mallasaa kanneen kaabinoota isaa taan yaaddoo fi raafama keessa galchee jiraachuu isaa qeerroon Qellem gabaasa,ummanni naannoo Qeellam humnaan booyicha Mallasaaf bahuu diddan jechuun dabballoota Wayyaaneen hiraarfamaa jiraatu illee amma yeroo kanaatti diddaa isaa jabeessee itti fufee jira. Karaa biraa hara akka gabaasaan Qellem,Ona Anfilloo Ganda Yattii irraa addeessaa jiruun kaleessa Oromiyaa daangaa dhumaa kan tae ganda Yaanqii bakka jedhamu yeroo dheeraa buufata ABO kan ture,bakki kun ganda Yattii irraa Km 5 kan tauudha. Akka gabaasaan addeessutti waraanni Wayyaanee daandii sanaan ABOn karaa Sudaanii galuu mala kan jedhuun shakkii guddaa keessa seenee humna waraanaa guddaa kan kanaan duraa irratti dabalee naannoo san akka qubachiisee jiru gabaasi addeessa.

Karaa biraa namoota hojiif naannoo sana dhufanii jiran isin dabballoota ABOdha sababa jedhuun namoota hedduu qabanii akka kaampii keessatti hidhamanii dararamaa jiran beekama. gama kaaniinis namni sadii poolisii Wayyaaneetiin qabamanii gara magaalaa Anfilloo,Muggiitti geeffamanii gocha tokko malee guyyaa sadiif reebanii qaama isaanii torched gochuudhaan gara qeee isaanitti deebisanii akka jiran Qeerroon ganda Yattii gabaasee jira. Namoonni kunis hojii dhuunfaaf bakka Qaaqee fi Canqaa jedhamu irraa gara san kan deeman ta’uun beekama.