Fulbaana 02,2012 Hebantuu
Godinaa Bahaa Wallaagga Onaa Heebantuutti Hagayyaa 30/2012 Sabboontonnii Oromoo Ona Hebantuu Wal gurmeessuun Sirnaa Gaddaa Mallas dabbaalloonnii Wayyaanee ummataa humnaan baasuun humnaan Gaddaa jechaa jirtu garaa Hiriiraa Mormittii jijjiruun walgurmeessanii sirbaa qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuu sirbaan, mallas du’uun unuf bilisummaa tokkoo malee gaddaa mitii jechuun diddaa isaanii jabeessaanii jiru, sabaaba kanaa wal qabatee yeroo ammaa kanaa sabboontonnii dargaggootaa Oromoo 14 humnaa tikaa wayyaaneen hordofamaa jiru. Ummaannii ijoolleen keenyaa qabamtee hidhamte jennaan rakkoo guddaatu uumamaa jechuun dhaadachaa jira. halumaa wal fakkattuun hagayyaa 28/2012 Onaa Kiramuuttii diddaan Ummataa daran jabaatee jiraachuu irraan kan ka’ee Sabboontota Oromoo gaafa Mallaas du’e ni sirbitaan, Ummataan baga gammadaan jettaan ummata kakaasaa jirt uu jechuun namotaa 10 qabanii yeroof guyyaa 2f Onaa Kiiramuuttii Hidhuun,Mani Murtii Onaa Kiraamuu Murtii atattamaa akka kennuu humnaa tikaa godinaatiin dirqisifamee Hidhaa Waggaa 6 itti murteessuun yeroo ammaa manaa hidhaa godinaa Bahaa Wallaggaa Neqemtettii Hidhamani jiru, sababumaa kanaan wal qabatee yeroo ammaa kana net workiin Onaa Kiraamuu irraa badee waan jiruuf maqaa sabboontotaa kanaa argachuu hin dandeenyee,yeroo boodaa ni dhiyeessina, yeroo ammaa kanaa net workiin Godinaa Bahaa Wallaaggaa, Horroo Guduruu Wallaaggaa keessaattii baay’ee rakkisaa ta’ee jira.
Daily Archives: September 2, 2012
Godina Iluu abbaa Booraa keessatti Qeerroon diddaa jabeesse.Waraanni mootummaa Wayyaanees dargaggoota tasgabbii dhorkaa jira.
Aside
Fulbaana 02,2012 Finfinnee
Godina Iluu abbaa Booraa keessatti qeerroon diddaa jabeessaa jira.Aanaa Mattuu,Cooraa,Buree fi Noonnoo Sallee keessatti waraanni mootummaa wayyaanee diddaa qeerroon jabeeffamaa dhufe dura dhaabbachuuf fiigaa jiraachus milkii dhabee jira.Haala yeroo ammaa soda mootummaa wayyaanee mudate waliin wal qabsiisuun waraanni mootummaa Wayyaanee Gadda Mallasaaf yaaaa jedhus uummatni didee jira.Aanaa Cooraa keessattis qeerroon waraana mootummaa wayyaanee soda malee UUMMATNI OROMOO MIRGA ISAA FALMACHUUF KAUUN AMMA dhaadannoo jedhu hedduumminaan maxxansuun uummatni akka dammaqinsaan falmu taasisanii jiran.Dhaadannoon kun bakkeewwan hedduutti kan maxxanfame yoommuu tahu waraanni mootummaa wayyaanee dargaggoota oromoo hojii dhabdummaan jiraatan kan maxxanse isini jechuun hidhaa fi doorsisaa jira.Dargaggootni Oromoo
1. Naasir Abdii
2. Ziyaad Nuuruu
3. Abdallaa Huseen
4. Magarsaa Baqqalaa
Jedhaman waraana mootummaa wayyaaneen yakkamuun mana hidhaatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu,Qeerroon naannoo kanaa hidhaan diddaa jabeessa malee hin laaffisu jechuun itti fufanii jiran.Haaluma wal fakkaatuun Kaabinootni aanaa Buree dargaggoota oromoo doorsisaa jiran.Jala deemtotni mootummaa Wayyaanee
1. Obbo Tasfaayee Waggaa bulchinsa aanaa Buree
2. Obbo Darajjee Kabbadaa Kaabinee aanaa
3. Obbo Geetaachoo Xaaloo dhimma nageenya aanaa
4. Obbo Siisay Ilminee reporter aanaa
Jedhaman mootummaa wayyaanee waliin tahuun ilmaan oromoo doorsisaa jiran.Qeerroon naannoo kanaa yeroon ammaa yeroo itti tokkummaa jabeessuun mootummaa abbaa irreetti aduu dhiisan waan taheef akka qabsoo qeerroon gaggeeffamaa jirutti dabalaman waamicha dabarfatanii jiran.
Haaluma wal fakkaatuun Oromiyaa keessatti dargaggootni oromoo sadii tahanii akka hin dhaabbanne dhorkamaa jiran.Mootummaan wayyaanee dargaggootni oromoo gaaffii mirgaa wal tahuun ni kaasu soda jedhuun dargaggoota waliin dhaabbatan waraana bobbaasuun akka bittinnaaanii fi qorataman godhaa jira.Godina shawaa lixaa magaala Amboo,Gindabarat,Ginc,Gudar,Kaachis,Hoolota,Sabbataa, fi Godina Horroo Guduruu magaala Shaamboo,Jaardagaa Jaartee,Godina Wallagga bahaa aanaa Limmuu,Giddaa fi Godina Iluu abbaa booraa keessatti haalli kun hammaachuu irratti argama.
Ummanni Oromoo Godina Adda Addaa Diddaa Ibsachuu Itti Fufe
Aside
Fulbaana 02,2012
Gabaasaa Qellem,aanaa Anfilloo ganda Yatti Koonqii irraa addeessuun Fulbaana 02,2012 dabballoonni Wayyeenee ona kana keessa jiran ummata Oromoo naannoo kana jiraatu humnaan gadda Mallasaaf bahaa jechuun ganda irra milsihoota bobbaasuun yeroo dubartootaa fi da’ima hiraarsanitti ummata gara qonnaa fi magaalaatti deemaa jiru ammoo karaa irra dhaabbatanii huna nageenyaan reebaa gara walgahii gaddaa deemaa jechaa turan.
Humni nageenyaa OPDO namoota Rufaa’el Raappiloo dabballee OPDO gandicha keessa,Wandimmuu Maammoo gara walgayii isaanii adeemsisuuf ummata dirqisiisaa yeroo turanitti ummanni naannoo kanaa guutummaatti diddaa isaa muldhisuu fi dura dhaabbannaan gara mana isaatti akka deebi’ee gale gaabaasi nu gahe addeessa.
Haala kana irraa ka’uun sabboontota Oromoo isinitu ummata kana qindeessee ilaalcha ABO waan qabaniif jecha ummanni akka gadda Mallasaa hin baane godhe jechuun eda mana hidhaatti geessaan keessaa
1.Hiikaa –qote bulaa ganda sanaa kan ta’anii fi
2.Dabalaa-barataa ganda sanaa,
Yeroo jedhaman diddaan ummata ganda kanaa amma illee itti fufee jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.
Gama biraan gabaasaa har’a godina addaa naannoo Finfinnee aanaa Sulultaa ganda Gorfoo jedhamu irraa addeessuun,guyyaa gaafa duuti muummicha ministeeraa Mallasaan beekamee kaasee sirna gadda isaaf kutaalee biyyattii Itoophiyaa keessatti uummata dirqisisuudhaan gadda dirqamaa godhamaa jiraachuun isaa akkuma beekame, ganda kana keessatti dabballoonni OPDO ta’an, sirna awwaalcha isaaf gandicha keessatti dunkaana dhaabanii uummanni yaa’ee gadda isaa nama kanaaf akka mul’isuuf kan godhan akkuma beekamu, halkan edaa uummanni gandicha keessa jiraatan dunkaana gadda Mallasaaf dhaabate diiganii balleessuu isaanii gabaafame.kana malees mukeenii fi wanneen dunkaanni kun ittiin dhaabate uummanni iti dabalee ganama har’aa bakkaa isa dhabamsisanii akka jiran gabaasaan ganda sana irraa addeessee jira.Itti fufanii dargaggoonni gandichaa Faradoo gulufsiisuudhaan qabsaa’ota oromoo fi bebbeekamoo gootota hedduutu jira kan Oromoon dhabee jiru jechuudhaan,waqaraa bifa alaabaatiin barreessanii mukeenitti fannnisuudhaan baatanii Faradoo gandicha keessa gulufsiisaa akka oolan gabaasaa dabalataa addeessa. Kanneen gadda nama kanaa ibsachuuf fedhii qaban gandicha gadi dhiisanii galma isaa deemanii gadda isaanii haa beeksifatanyyuu malee uummataa fi dargaggoota ganda sanaa duratti hedduu jibbamuudhaan tuffatamanii yeelloodhaaf gandichatti deebi’uuf sodaa uummata kanaan kan ka’e gara qe’ee isaanitti halkan kana akka galan gabaasaan addeessa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!