Fulbaana 05,2012 Gabaasaa Godina Shawaa lixaa Amboo irraa:
Godinaa Shawaa Lixaa Magaalaa Amboo keessaattii sirnii Wayyaanee daldaltoonnii daldalanii jiraachuu akka hin dandeenyee gochuun Ummataa irraattii Suuqii fi manneen daldala isaanii cufuun hehama daldalaa irraa fuudhe. Suuqiiwwaan Amboo gantoota 02, 03.01 kessaattii waldaa dhanis ta’ee dhunfaan daldalaa jiraan irraa jireessii isaa yeroo ammaa kanaa cufamee jiraachuun gabaafame. Haalaa kanaan yeroo ufiif iyyuu jireenyii qaala’ee jiruu kanattii daldaltotaa irraattii hojii idilee isaanii daldalaa isaanii fi qaabeenyaa isaanii illee utuu keessaa hin baasatiin irraattii cufuun jiraatotaa kanaa jireenyaa isaanii sadarkaa hamaa irraa buusee kan jiruu ta’uun ibsame.
Namoonnii kun Asiin Fulduraa hojii dhabdotaa fi rakkatoota ta’uun isaanii beekamadha, rakkinaa isaanii irraa ka’uun irraa jireessii isaanii dhunfaan daldaluu waan hin dandeenyeef jedha waldaalee garagaraa jalattii waal gurmeessuun qarshii abbootii qabeenyaa irraa liqeeffaachuun rakkatanii daldalachaa utuu jiraanii, mootummaan abbaa irree EPRDF gaddaa Maallaas akka garaa keenyaattii nu waliin gadduu didan isaa jedhuun Uummataa haaloo qabachuun rakkinaa irraattii rakkinaa cimaa biroof isaan saaxilaa jira.
Haala kanaan magaalaa Amboo keessatti daldaltoota waldaan gumaayanii daldalan fi dhuunfaa ta’an gadda Mallasaa bahuu diddan sababa jedhuun kanneen daldalli isaanii irratti cufame fi hogganoota waldichaa akka armaa gadiiti.
Maaqaa Waldaa Daldalaa fi Maqaa Hoggaanaa Waldichaa
1.Waldaa Burqituu Obbo Ittisaa Kabbadaa
2.Faayaa Addee Beetii Eebbisaa
3.Taatii Addee roomaan Taamiruu
4.Fiireen shiippii Obbo Xaasoo Waagataa
5.Abaaboo Obbo Nuguusee Marii
6,Naatolii Obbo Damissee Disaasaa
7.Siif Jiraa Obboo Dibaabaa Ararsaa
8.Daraartuu Adde Tigistii Dambalii
9. Soorummaaa Obbo Injiguu Nabarii
10.Situu Beekaa Addee shawaalem Damisee
11.Yaadii Saarkaaleem Akililuu
Waldaawwaan kun yeroo ammaa kanaa badii tokkoo malee Cufaamanii jiruu, Daldaltoonnii waldichaa qabeenyaa isaanii illee akka suuqiiwwaan garaagaraa kana keessaa hin baafannee dhorkamanii rakkachaa jiru, Waajjiraa daldalaa fi Industirii godinaa Lixaa Shawaattiis Hagayyaa 30/2012 iyyannoo isaanii irraatti nutii jireenyii nuttii qaala’ee utuu jiruu kaka’umsaa dhuunfaa keenyaan karaa seeraa qabeessaa ta’een wal gurmeesinee utuu jiruuf jireenyaa keenyaaf jennee daldalachaa utuu jirruu sababaa tokko illee utuu nuu hin ibsiin suqiin daldalaa keenyaa Qabeenyaa keenyaa waliin cuqqaalamee cufamee jiraa, heeyyaamnii daldalaa keenyaas nurraa kaafamee jiraa jechuun garaa Wajjiraa Dhimma Nageenyaa Godinaa Shawaa Lixaa fi Wajjiraa OPDO Godina Shawaa Lixaatiif jechuun iyyaannoo dhiyeeffataan illee hanga guyyaa har’attii deebii tokkoo illee utuu hin argatiin dararamaa jiraachuun gabafame. Haallii kun Ummataa Oromoo jiraattootaa magaalaa Amboo fi Ummataa baadiyyaa fayyadaamaa suuqiwwaan cufamanii daraan arsee Ummataa diddaa cimaaf kakaasaa kan jiruu ta’uun gabafamera,