Oromiyaa/Itiyophiyaa Keessatti Nageenya Waaraa Fiduuf Ejjeennoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Caamsaa 25,2018
Finfinnee Oromiyaa
Akeeka uummata Oromoo qabatee, Adda Bilisummaa Oromoo jala hiriiruun garbummaa jaarraan lakkaahamu kan uummata Oromoo irratti fe’amee sochii jiruuf jireenyaa uummatichaa irratti dhiibbaa guddaa taasisaa jiru qaarisiisuuf qabsoo karaa nagaa gochaa turuun Qeerroo Bilisummaa Oromoo hundaaf ifaadha. Jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo Bara 2011 keessa Oromiyaa biyyattii keessatti hundeeffameen as, gaaffii karaa nagaa uummatasaa bakka bu’uun gaafataa turu illee, qaamotni mootummaa deebii karaa nagaa gaafatame karaa waraanaa fi afaan qawwee akkasuma hidhaaf dararaan dargaggoo uummata Oromoo akkasuma sabaaf sabalammoota biyyattii hacuuccaa jala jiran irraan geessisuun dadhabsiisuu yaalan illee qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO hogganamu duubatti deebii utuu hinyaadin garboonfataa ittuu raasee sadarkaa dhabama taasisu irraan gahe.
Akeeka Qeerroo Bilisummaa Oromoo karaa nagaan rakkoo siyyaasaa furuuf bobbaafame kan yeroo dhiyoo asiitti karaa mootummaa deebiin waraanaaf ariisaa barattootaa jumulaan ilma Oromoo mana barnootaarraa ari’uuf ajjesuun Wayyaanee kan yaadatamudha. Yakkoota ciigasiisoo ajjeechaa,hidhaan dararuu,qabeenya saamuu,deegsuu fi hamlee cabsuun dabalatee hedduun irratti raawatee jira. Continue reading




