Ololli GarbummaaF Furmaata Hin Tahu!

Aside

Damee Boruutin, Caamsaa 21, 2018

Ololli GarbummaaF Furmaata Hin Tahu

Impaayeera Itoopiyaa keessatti jijjirama Mootota Habashaa keessaa Haayile Selaassie Amma Dr. Abiyi arguuf umurii dheeraa warri argate eeba Waaqayyoo qabu. Waan dhugaan seenaan raga bahu Mootoni Habashaa hundi afuura sobaan kan guutaman, dhugaa wajjin kan garaa fi dugda tahan  uummata isaanii sobuu fi afaanfajeen bara baraan warra hawwii qaban  akka tahe ifa jira. Waan uummatni irratti baraa fi dammaqaa deemuuf tooftaa fi malaamaltummaan tokkoof hojjeete isaa haaraaf akka hin hjjenne bareechanii beeku. Haayile Selaasseen Waaqatu na muudee jedhe. Dargiin kaayyoo sooshalizimii fi komoniziin afarsaadhaan uummata gura  duuche. TPLF kaayyoo dimookraasii haaratu nagaa fi badhaadhina fida jettee ilmaan biyyaa kumaatan hiitee, kumaatamaan ajjeeftee, kumaatamaan naaf gootee biyya guutuu saamuun nama utuu hin taane biyyumti Itoopiyaa jedhamtu akka hiyoomtu goote. Continue reading

Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Waamaa Hagaloo magaalaa Qassootti duula haaromsaa maqaa jedhuun ergamtooti OPDO geggeessuufi uummata magaalichaa afaan faajjessuuf jedhan falalaawe

Aside

Qeerroon Qassoo akka gabaase tti maqaa amma Oromoon aanga’eera jedhuun uummata sossobbaaf yeroo ba’anitti uummati ammallee qabsoon keenya karaarraa jira kan ilmaan Oromoo ajjeesaa ba’ee fi itti jiru akkasumas kan maqaa Warshaa waamaa kusaayee jedhuun uummata keenya saamaa jiruufi ittis jiru utuu seeratti hin dhiyaatin waanti isin wajjin haasofnu hin jiru jechuun uummati magaalichaa wal tajjicha diduufi aangawooti aanichaa kanneen farra uummataa ta’an waltajjii qopheessanirratti salphachuu odeessi Qeerroo Qassoo Gabaaseera Continue reading