Qeerroon Qassoo akka gabaase tti maqaa amma Oromoon aanga’eera jedhuun uummata sossobbaaf yeroo ba’anitti uummati ammallee qabsoon keenya karaarraa jira kan ilmaan Oromoo ajjeesaa ba’ee fi itti jiru akkasumas kan maqaa Warshaa waamaa kusaayee jedhuun uummata keenya saamaa jiruufi ittis jiru utuu seeratti hin dhiyaatin waanti isin wajjin haasofnu hin jiru jechuun uummati magaalichaa wal tajjicha diduufi aangawooti aanichaa kanneen farra uummataa ta’an waltajjii qopheessanirratti salphachuu odeessi Qeerroo Qassoo Gabaaseera
Haaluma wal fakkaatuun Godina Salaalee/Shaggar Kaabaatti/ leenjiin aanota godinichaa tti gegeessamaa ture uummaticha caalattuu dheekkamsiisuu odeessi qeerroo Fiichee, Abbichuu Nya’aa fi Dagam gabaasanii jiru
Akka Qeerroofi Qarreen Salaalee jedhanitti Aasxaan yuunivarsiitii Salaalee kan Uummata Oromoo Bachoo Tuulamaa/Boorana Kaabaa/ hin ibsine geggeessitoota yuunivarsiitii Salaaleen qophaa’e uummaticha kan hin ibsineefi bakka hin buune ta’uu ibsuun hatattamatti akka sirrattu uummatichi gadi jabeessee gaafachuusaa Qeerroon Salaalee gabaasee jira.
Caamsaa 20_2018
Lixa shaggar aanaa Baakkoo Tibbee fi naannoo isheetti uummanni rakkoo ibsaa dararaa fi rakkoo cimaa keessatti argama.Rakkoon ibsaa kun yeroo
garaa garaatti baduun uummanni dararaama jirataa jira.
&&&
Akkasumas Manni barumsaa koollajjii bakkoo tibbee damee barattoota kompiteera irratti rakkoo hanga kana hin jedhamnetu gaggeeffaa
jira.Dhaabbanni kun kompiiteera caccaabaa fi kan waa dalaguu hin dandeenyeen qormaata qora jiraachuu fi barattoonni gaaffi tokko otoo
hin hojjetiin yeroo isaani ficcisiisani himilee barattoota kalasaa jirru.Ilmaan hiyyeessaa irra maallaqa guuruun dantaa unfaa isaani
jecha saamicha maqaa kaffalti mana baruunsaan saamani barattootaaf otoo beekumsa gahaa hin qoodiif kufaati qofaa kan addeessani fi
gaggeessitan ta’u keessanif ofi keessaniyyu ragaadha.Kun immoo ergama diinaa galmaan gahuuf kan barattoota akkas gootan yoo ta’e
dogongoortanittu,akka sirreessitan kabajaan isin gaafanna yeroo gabaabaatti.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo Lixa shaggar irraa.