Qamni Uummata Oromoo Gaggeessuu Danda’u, Qaama Nageenya Oromoo Eegsisuu Danda’u Qofa.

Aside

Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Finfinnee Oromiyaa
Caamsaa 13,2018
Nageenyi dhimma ijoof murteessaa biyya tokkooti. Biyyi tokko nagaa hanga hinargannetti jiruun hawwaasichaa gooliif jeeqamsaa guutuu ta’a. Biyya tokko wantoonni nagaa dhorkan keessattuu, saamtota ollaa irraa itti bobbaa’uun qabeenyaa uummatichaa kansaa godhachuuf saamicha jabaa gaggeessanii nageenya uummataa booressaniin jeeqaminsa biyyaa uumuu danda’u.
Qaamni uumma keessaa dhalatee, halagaan akka biyya isaa saamuuf, lafaaf qabeenya abbaasaa halagaan akka fudhatuuf dantaa dhuunfaasaatti jijjiiruun hojguyyuu/hojii idilee taasifatee socho’us qixa qamota nageenya hawwaasaa booressaniitti ilaalamu.

Continue reading