“Tisiisarra damma hin eegani….” Qeerroo Matakkal, Asoosaa, Wambaraa Irraa

Aside

Dr Girmaa Amanteen dhalata naannoo Beenishaangul Gumuz, Godina Matakkal kan ta’an, akkuma lammiilee Oromoo naannichaa biroo barumsa isaanii sadarkaa lammaffaafi olaanaa xumuranii naannoo isaaniitti dhufuun hojii argachuuf yaalii godhanii ture. Caaseffama chaarteraa bara 1983 A.L.H irraa kaasee uummanni Oromoo naannichaa sababaa Oromummaa isaaniitiin qofa mirgoota namummaa heerri mootummaa kaa’ee caalaatti dhokamuu jalqabe. Dhalataan Oromoo barate Naannicharratti akka hojii hin arganne, Afaan isaatiin akka hin baranne, akka hin dubbannee fi dhiibbaadhuma kanarraan kan ka’e akka godaanu godhamaa ture. Yeroo kana egaa Dr Girmaan dhiibbaa ilmaan Oromoorratti ta’u kana baqachuun gara naannoo Oromiyaa Shawaa bahaa deemuun carraa Hojii argatani. Continue reading

Luucca’uun fakkeessitoota ammaa waanuma eegamaa turedha!

Aside

Qalbeessaa Dhangi’aatiin

Finfinnee Oromiyaa

Caamsaa 4,2018

Barruu kana keessatti abbaan qabsoo jabinnisaa maali? Gaararroonniif shinfilloonni amala akkamii agarsiisaa turan? Gaararummaan siyyaasaa gosa meeqatu jira? Shinfillummsa siyyaasaaf gaararrummaa siyyaasaa maaliin adda ta’u, maalinimmoo wal fakkaatu? Fedhiin gaararroota kunneenii maali? Uummata Oromoof akeeka akkamii qabu? Kan jedhu budduksee isin obaasuun fedha. Habbuqqadhaa dhugaan affeerraakooti!

Qabsoon Oromoo eessatti jabaatee, eessattimmoo laafe? Kan jedhu kaasuun dursinee waa’ee gaararrootaa haa ilaallu. Continue reading

Labooba warraaqsaa

Aside

Agartuu Qeerroo torban kanaa

Qalbeessaa Dhangi’aatiin

Caamsaa 3, 2018

Hordoftoota agartuu Qeerroo torbanii, haala torban kana mata duree labooba Warraaqsaa jedhun isiniif qabannee dhiyaannerra. Hanga dhumaatti nu faana bu’aa dubbisaan dhaamsa keenya.

Biyyoota garbummaa jala turaniif jiran hedduun, gochaawwaan sanyii balleessuu yeroo gara yerootti garboonfataan irra gahaa tureera. Sanyi balleessuun addunyaa kanarraa saba tokko dhaba godhanii saba biraa (kan ofiisaanii) garboonfattoonni bakka buusuuf yeroo hedduu tattaaffii taasisu. Continue reading