Gaaffii fi Deebii Dura Taa’aa Partii KFO Dr.#Mararaa Guddinaa EthioTube waliin godhan.

Aside

Biyya Ethiopia keessatti  EPRDF fi dhaabonni Siyaasaa gariin haqa dhaaba Siyaasaa tokkoo dhoksuun qooda ifii guddisanii dubbachuun “Dhugaa”  ABO fi deggersa Ummataa inni qabu golguun wareegama  deggertooti ABO baasan yeroo ukkaamsuu yaala muldhata ykn gochaa siyaasaa akkanaan beekamu.

Dr,Mararaa Guddinaan garuu hayyummaa fi nama beekaa ta’uun isaanii haasaa kana irraa waan guddaa barama.

  1. Aangoo ofiif osoo hin taa’e Ummata Oromoo aangessuuf qabsoo gochuu.
  2. Haala Siyaasa biyyattii fi jijjiirraa siyaasaa Ethiopia keessatti taasifne jedhamuu
  3. ABOn dhaaba deggersa ummataa eenyu caalaa iyyuu qabu ta’uu.

fi kkf irratti haasaa hayyuu tokkoo irraa eegamu taasisanii jiru.