Oromiyaa/Itiyophiyaa Keessatti Nageenya Waaraa Fiduuf Ejjeennoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo!
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Caamsaa 25,2018
Finfinnee Oromiyaa
Akeeka uummata Oromoo qabatee, Adda Bilisummaa Oromoo jala hiriiruun garbummaa jaarraan lakkaahamu kan uummata Oromoo irratti fe’amee sochii jiruuf jireenyaa uummatichaa irratti dhiibbaa guddaa taasisaa jiru qaarisiisuuf qabsoo karaa nagaa gochaa turuun Qeerroo Bilisummaa Oromoo hundaaf ifaadha. Jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo Bara 2011 keessa Oromiyaa biyyattii keessatti hundeeffameen as, gaaffii karaa nagaa uummatasaa bakka bu’uun gaafataa turu illee, qaamotni mootummaa deebii karaa nagaa gaafatame karaa waraanaa fi afaan qawwee akkasuma hidhaaf dararaan dargaggoo uummata Oromoo akkasuma sabaaf sabalammoota biyyattii hacuuccaa jala jiran irraan geessisuun dadhabsiisuu yaalan illee qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO hogganamu duubatti deebii utuu hinyaadin garboonfataa ittuu raasee sadarkaa dhabama taasisu irraan gahe.
Akeeka Qeerroo Bilisummaa Oromoo karaa nagaan rakkoo siyyaasaa furuuf bobbaafame kan yeroo dhiyoo asiitti karaa mootummaa deebiin waraanaaf ariisaa barattootaa jumulaan ilma Oromoo mana barnootaarraa ari’uuf ajjesuun Wayyaanee kan yaadatamudha. Yakkoota ciigasiisoo ajjeechaa,hidhaan dararuu,qabeenya saamuu,deegsuu fi hamlee cabsuun dabalatee hedduun irratti raawatee jira.
- Eebla 11, 2014 gaaffii mirgaa barattoonni Jimmaa Yuunibarsiitii ijaarsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo jalatti taasisaniin deebiin qaama mootummaa barattootaa hedduu mana barnootaarraa ari’uun gaaffii mirgaa ukkaamsuutti fuulleeffate. Tooruma kanaan barattoota 7 kan mana barnootaarraa ari’e keessaa hanga har’aallee barataan dirree barnootaarraa ari’amee gaaffii mirgaa waan gaafateef qofa itti hindeebi’in jiran hedduudha.
- Bara 2014 baatii Eeblaa keessa gaaffiin barattoonni Jimmaa Yuunibarsiitii gaafatan, dhimma Master Plaaniif, Gaazeexaa Inquu kan dabalatuuf hundee gaaffii uummataa mirgaa hiree murteeffannaa Oromoof mirgaa abbaa biyyummaa Oromoo kan keessatti argamu, gaaffiin barattoonni Jimmaa Yuunibarsiitii gaafatan gaaffii uummata Oromooti jechuun mooraa Yuunibarsiitii Wallagaga, Amboo, Madda Walaabuu, Haramayaa fi Yuunubarsiitileen Oromiyaa keessaa marti baatii sana keessa hiriira karaa nagaan gaaffii gaafataniif deebiin Mootumman laate karaa Qawween rasaasaan barattoota ajjeesuu ta’ee argame. Haaluma kanaan barattoonni dhibbootaan lakkaa’aman ajjeefamuu dandaa’an. Kana keessatti wareegama lubbuu Qarreef Qeerroo Oromoo yoomuu kan dagatamu miti.
- Bara 2014 Baatii Eeblaa keessaa ummanni Amboo gaaffiin barattootaa gaaffii Oromooti jechuun Eebla 24,2014 hiriira karaa nagaa Farda isaanii fe’atanii kan barattoota Yuunibarsiitii tumsuuf bahan irratti dhukaasni Wayyaaneen banteen lubbuun ilmaan Oromoo qaroo uummataa daa’imman umurii 9 illee utuu hinafin lubbuun 40 olitti tilmaamamu guyyaa tokkotti mootummaa Wayyaaneen dabartee jirti. Gocha fokkataa uummata karaa nagaa gaaffii gaafachuuf waraqaa gaaffilee qofa qabatee bahe irratti hidhannoon guutuun bobbaafamanii taasisaniin akeeka jallataaf fokkataa tarsiimoo garboonfataa jaarraa 21 keessatti illee hincalaqqisiifamne calaqqisiisaa turan.
- Haalli kun itti fufuun guutuu Oromiyaa keessatti xiiqii uummata qabachuu mootumichaarraa uummanni nagaan harka qullaa bahee falmachuuf addunyaatti sagalee dhageessifachuu itti fufe. Adeemsa falmii karaa nagaa keessatti wareegamtoonni Oromoo kutaalee Oromiyaa mara keessaa lubbuu isaanii uummataaf dabarsanii jiru.
- Gaaffii karaa nagaa gaafataniif bara 2014 keessaa wareegama dargaggoon magaalaa Gullisootti kaffalanis Qeerroo Bilisummaa Oromoo kulkulfannaa wal fakkaataan kan ibsatu yoo ta’uu, baruma sana keessa ajjeechaa shamarree baha Oromiyaa Yuunibarsiitii Madda Walaabuu keessatti baafte kan dagatamu miti.
- Waggoota dhiyoo keessattis, bara 2016 ji’a Hagayyaa keessa ijibbaata Mootmichatti gochuuf qabsoo Uummanni Oromoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo jala hiriiruun Hagayya 6,2016 taasiseen gaaffii karaa nagaa faajjii isaa faajjii Adda Bilisummaa Oromoo qabatee guutummaa Oromiyaa keessaa guyyaa walfakkaataatti yeroo dhumaaf gaaffii karaa nagaa gaaffii abbaa biyyummaa Oromoo gaafateen shiftaan Wayyaaneen Leenjifate ilmaan Oromoo irratti dhukaasuun guyyaa dhiigaa taasisanii jiran. Wareegama ulfaataa Baha hanga Lixaatti, kaabaa hanga Kibbaatti Oromoon wal waamee guyyaa tokkotti kaffale kan dagatamu miti. Guyyaa sanatti yoo xiqqaate magaalota lubbuun Oromoo 30’n lakkaa’amu itti galaafatame kan jiru yoo ta’uu, ajjeechaa gaafasiin lubbuu ilmaan Oromoo 700tti siqu dhabnee jirra.
- Gochaa jallataa ji’a Gannaa Mootummaa Wayyaanee raawwate kan haalonfate Qeerroo Bilisummaa Oromoo kulkulfannaa hamaa keessa Onkoloolessa 4? 2015 ayyaana Irreechaa jila Oromoo Guddaa irratti akka argamuu qabu walii dhaamee xiiqeffannoo guddaan amantaan utuu wal hinqoodin magaalaa Bishooftuutti argame. Mootummaan ajjeesaan dhiiga Oromoon ala jiraachuun jireenya itti hinfakkanne bakka jiila Oromootti, bakka nagaaf bakka uumaaf uumani itti walargutti, marroo dabalataa dhukaasa banuun ilmaan Oromoo nagaa harka qullaa Waaqaa galateefachuuf bahan, uummata gadda guddaa keessa jiru irratti gadda irratti gadda dabaluun dhukaasa baneen ilmaan Oromoo 1000 kuma tokko ol bakka tokkotti sababa tokko malee guyyaa tokkotti ajjeese.
- Leelaa nuti hindaganne irra deddeebiin kan nuu laataa jiru Mootummaan wayyaanee nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo rakkoo biyyattii karaa nagaan furuuf yaannuus irra deddeebiin irreesaatti amanuun karaa waraanaa nutti bobbaa’ee wareegama ulfaataa nu kaffalchiisee jira. Dhiyoo kanas yaadannoo ilma Oromoo keessaa hinbanne shamarree Oromoo ulfa Gudeeddiif gaafatanii waan diddeef qofa irree isaaniitti amanuun shiftoonni/Waraanni Mootummaa galaafatanii jiru.
- Yeroo kamuu karaa nagaan deebiin uummataaf deebisuuf qophii kan hintaane Mootummaan Wayyanee, dhukaasan uummatatti roorrisuu itti fufee jiraatus ammallee irra deebiin gaaffiin uummataa karaa nagaa akka deebii argatuuf yakkoota Shorokeessuummaaf waraana nutti banee jiru uummata Oromoo irraa akka kaasuuf Qeerroo Bilisummaa Oromoo waamichasaa nii taasisaaf.
- Ammas Qeerroo Bilisummaa Oromoo gaaffii karaa nagaan gaafateef karaa nagaan qaamni dhimmichi ilaallatu akka deebisuuf kan gadjabeessee gaafatu qabxii gadii ejjennoo taasisuun cichee qabsoo itti fufee jira.
- Rakkoon uummataa furmaata waaraa akka argatuuf Mootummaa Ce’umsaa nageenya biyyattii mirkaneessu akka biyyattii keessatti dhaabatu nii gaafata.
- Yakka Shororkeessuummaa ABO irraa kaasuuf sana dursees waraana uummataaf ABO irratti labsee jiru akka kaasu gaafataa, waraana bilisummaa Oromoo (WBO) fi qabsaa’ota Mirga uummataa waan gafataniif qofa ammallee hidhamanii jiraniif qabsaa’ota Oromoo waggoota 20 oliif achi buuteensaanii dhabame Jaal Nadhii Gammadaa irraa qabee bakka isaan jiran uummataaf beeksisuun hiraarsaarraa akka lakkisu nii gaafata.
- Guutummaan guutuutti waraana nutti banee jiru mootummaan wayyaanee nurraa kaasuun karaa nagaa rakkoo uummataa furuuf kan dandeenyu ta’uu Qeerroo Bilisummaa Oromoo akeeka.
- Maayiirratti rakkoo uummata keenyarra gahaa jiru karaa nagaa furuuf kan tattaafannu ta’us, ammallee Mootummaan wayyaanee gaaffii keenya rukutee maanoosaa balleessuuf humnasaatti kan gargaaruuf deemu taanan gaaga’ama nurra gahuuf uummata keenyarra gahuuf gafatama jalaa kan hinbaane ta’uu cimsinee hubachiifna. Nageenya saboota Cunqurfamoo impaayera biyyattii eeguuf yeroo kamuu qabsoo karaa nagaan hanga galma qabsoo keenyaa geentutti qabsoo itti fufna!
Injifannoon Uummata Oromoof
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Caamsaa 25,2018
Finfinnee Oromiyaa