ONN: Qeerroo fi Jaarsoliin Biyyaa magaalaa Shaambuu Murtee Dabarfatan. Caamsaa 12, 2018.

Aside

Guyyaa harraa jechuun 12/5/2018 GHW magaalaa Shaambuutti sirni gabroomfataa Wayyaaneetiin qeerroo Olii Margaa ajjeefaamuun sirni hawwalchaa rawwatee jiracImage may contain: 1 person, standing, shoes and outdoorhuu martuu quba qaba.

Sirna hawwalchichaatii boodas qImage may contain: 2 people, people smiling, outdooreerroon oromoof jaarsoliin biyyaa marii icciitii godhaniin,

kanaa booda nuti ilmaan oromoo TPLF fi OPDO addaan baafnee kan laallu yoo ta’e, nuti ofgowwoomsuudha jechuudha jechuudhaan dhaamsa isaanii dabarfatanii jiru.

Itti fufuunis qeerroof uummanni magaalaa Shaambuu kanaa booda sirna kanaaf gara laafinas hin qabnu; hin dhageeffannus jedhaniiru.
Gumaa qeerroo keenyaa baasuufis guyyaa, halkan, haalaafi bakka jirru kamittiyyuu baasuuf qophii ximmurrera jechuun yaada isaanii kan xiiqii ofkeessaa qabu waliif dhaamanii jiru.
Haaluma kanaan qeerroonis akkana jechuun waadaa waliif galeera.

“Nuti qabsaawwaa keenya Olii hawwaallee kan galleef, gallee ciisuuf miti. Qaamni dhiiga keenya dhangalaases ta’e kan dhangalaasise dhiigasaa ni dhangalaafna. OPDOn qaama Oromoo bakka bu’u miti.
Nuti amma ABOn biyya kana keessatti dhaabbatee sabasaaf gumaa baasutti cichoominaan nii qabsoofna.”
Jechuun waan gochuu qaban waliin dubbachuun maree icciitii isaanii xummuraniiru.

Continue reading