Qalbeessaa Dhangayaan

Akka sabaatti gaaffiiwwaan bu’uuraa gaaffii Bilisummaaf gaaffii abbaa biyyumaa Oromoo gaafataa tureef jiru dabsuun akka waan gaaffii OPDO aangoomsuuf Oromoon gaafataa tureetti fakkeessuun gartuuwwan hololtoota Wayyaanee OPDO’n uummata gowwoomsuun fakkeessaa jiran. Erga isaan muummee Ministeeraa ta’anii gaaffiin uummataa akka deebi’etti ilaaluun, uummata Oromoo waggoota 27 ol soban itti dabalanii sobuuf carraaqqii irra jiran. Gama biraan wayyaanotuma ta’anii akka maxinoo/Qiixxaa keessaaf duubaan utuu walfakkaatanii tokko ta’anii jiranii, waan qofaatti TPLF waliin wal dhabdee qabaniitti kan lallaban OPDO’n yakkoota waggoota dheeraaf uummatarraan gahaa jiraniif itti gaafatamummaa fudhatuu baqaaf afaan faajjiif hololaan ofirraa dhiquuf abbaluu isaanii agarra.
Gartuuwwaan Wayyaaneen uummata Oromoo ittiin bitaa yoona geesseef jirtu, hedduun isaanii warra dantaa dhuunfaa isaaniif malalaqa Wayyaanee irraa argamtu coratee jiraatuuf, lafaaf qabeenya uumamaa uummataa gurgurachuun duroomuu hedan kanneen mas-lufoota ta’an hojjetanii of jiraachisuu warra hindandeenye kashallabboota walitti qabuun aangoo itti laachuun uummata cagaddee akka feetetti waggoota 27 ol dabarsitee jirti.
Har’as taanan gaaffii uummataa gaaffii deebiin maseene fakkeessuun gaaffii haqaaf dimokiraasii dabsitee gara gaaffii jeequmsaatti haqaaquun uummata yakkuu waan dhiiste miti. Yeroo uummanni bahaaf lixaa gaaffii wal fakkaataa gaafateetti deebii gaaffii uummataa deebisuurra afaan Qawween rasaasa dargaggootaaf barattoota Oromootti roobsuun uummata hedduu wareegama kaffalchiiste kan jirtu wayyaaneen; daba ofumaa uumteen yoo xiqqaate bara aangooshee kana keessa Oromoota nagaa kuma shantamaa ol akka galaafattee jirtu beekamaadha.
Mootummaan ajjeesaa(Wayyaaneen) ammas deebii uummataa deebisuurra haamilee falmattootaa cabsuuf dhiittee aangooshee dheerafachuuf hojiitti jirti.
Wantootni tibba kana Magaalaa Dambidoolloo keessatti raawwatan, Tuullaan gaaffii uummata Oromoo dargaggoo qaxalee oladeemaa ilmaan gaafatamullee deebii gahaa kennu irra, hamilee dargaggoo kanaa xuquuf “Beekumsi si hafa!” Jechuun xiqqeessuu yaaluu Dr. Abiyyi addatti kan balaaleffatamudha.
Gartuuwwaan OPDO ji’oota muraasa darban keessa “afaan Oromoo afaan hojii fedaraalaa nii taasifna!” Jechuun birqaansa dhaabbiif gahumsa hinqabneen uummata soban. Dargaggoo Magaala Dambidoolloo keessatti gaaffii haqaa hedduu gaafateen kanneen akka: Gaaffii Misoomaa, Dinagdee, Gaaffii Afaan Oromoo afaan hojii fedaraalaa ha ta’uu, gaaffii Bulchiinsa, Gaaffii lafa Oromoo magaalota Oromiyaa garaagaraa yoo ta’uu, ciminaan gaaffiiwwaan dimokiraasii karaa nagaa gaafateef ati wal’aalaa jechuun uummata duratti salphisuuf yaaluun Dr. Abiyyi kan balaleffatamudha.
Akkasuma dirqama mootummaa Wayyaanee irraa fudhatanii bobbaafamaniin akka waan ABO/WBO waamicha dhiyeessaniitti uummata Dambidoolloo duratti dubbachuu isaaniitu dhagaa’ame. Dubbiin mandheef haalaaf akkaataa hinqabne yeroo addaa addaatti Obbo Lammaa Magarsaan dubbatamaa turan. Akkasuma waadaan kijibaas karaa peresedaantii kan jedhan Obbo Lammaa Magarsaan waadaa galamaa ture.
Dhimma karaa nagaa rakkoo furuu waggoota dheeraaf waamicha ABO taasisaafii turuu ija uummataa duraa dhokataa miti. Utuu waraana uummatatti akkasuma ABO tti banan irraa hinkaasin kabeebsii jechaan uummata garaa moogomsuuf haasaan haasa’amte akkanaa gatii dhabeettiidha. Ha ta’uu malee waltajjima tokko irratti yaada faallaan argamuusaa kan agarsiisu Dr. Abiyyi Ahemad dabalataan jechoota hinmallee kan qabsaa’ota haqaa WBO xiqqeessuu yaalu “Yeroon qawween qabsaa’an hafeera” jechuun adduggummaa isaa mul’ifateera.
ABO/WBO dhimma qawwee qabachuu dheebotuuf kan qabu yoo ta’e isaanumaan (wayyoonota )uummata akka argan bituu barbaadaniif afaan qawweetti amanan akkuma isaan dhufanitti deebii deebisuuf dirqameeti. Erga akka kanatti yaada ta’ee gooftoliisaa ajajoota Waraanaa ilmaan Oromoo fi saboota Cunqurfamoo qabsoo karaa nagaa gaggeessan irratti dhukaasuun kanneen ajjeesan, kanneen bakka waqeeffannaaf jila uummataatti dhukaasaan uummata daguuganiif jaarraan qawwee hidhachuu laatameeraa?
Adeemsi Wayyaaneen akka Bofaa Luqqaafaattee ka’uuf deemtu kun, hatattamaan hiddisaa citee goguu baannan egeree qabsaa’otaaf uummataaf balaa guddaa akka ta’ee Uummanni Oromoo beekuu qaba. Lammaa Magarsaaf Abiyyi Ahemad dirqama paartii isaanii ykn wayyaanee galmaan gahuuf kan socho’aa jiran malee, aantummaadhaan uummataaf hojjechuu irra kan jiran miti. Foolisiin siyyaasa isaanii kana hinajaju.
Gaaffiin uummataa hanga ammaallee deebii maseenee, waliisaa wal horuun ala furmaata waaraa kan argate miti. Rakkoon uummata Oromoos guyyaa guyyaatti dabaluun uummatni Naannoo Finfinnees guyyaa guyyaan lafasaarraa ka’uun hanga hindhaabbannetti, gaaffii haqaa uummataaf deebiin hanga hindeebinetti qabsoo bifa walitti fufiinsaan itti fufa.
Duuchaatti tuullaan gaaffii uummata Oromoo deebii hanga argatutti qabsoon itti fufa. Sobaaf sossobbaan, waraanni kamillee qabsoo irraa uummata dhaabuu hindanda’u.
Horaa Bulaa
Qalbeessaa Dhangi’aatiin
Finfinnee Oromiyaa
Caamsaa 21,2018