GALII KEENYA GA’UUF,,WAREEGAMA BAASUUN DIRQAMA !!!

Aside

SEENAA Y.G (2005)

Dirqamni bifa hedduu qaba. Wareegamnis akaakuu hedduu qabdi.Qabsoon keenya wareegama qaqqaalii baasaa, sadarkaa amma irra jirru irra ga’ee jira. Injifannoon nuuti argannees waan laayyoo miti. Dirqamni ba’aa jirrus hanga lubbuu ofii kennuutti ol guddateera. Amma bakka jirru kana dhaabbannee waan ilaallachuu qabnuutu dhufaa jira. Wareegamni keenya mootummaa raaseera. Murtiilee kabeebsaas haa ta’uu dharaa akka fudhataniif dirqisiifnee jirra. Adeemsi mootummaa amma itti jiru, of eeggannoo fi  dhaamsa gama hundaa nu akeeka. yoo nuuti karaa galii keenya itti milkoofnuu qofaa ilaallee yoo hin tarkaanfatiin, mootummaan farrooftuun tun, carraa gaarii argachuu dandeessi. Kanaaf wayyaaneen kana booda tarii, Qabsoo Oromoo dura dhaabbachuu dadhabuurraa adeemsa Dhaabbilee siyaasaa wal dura dhaabuu fayyadamuu dandeessi. Dhabbileen siyaasaa fi Ummati keenya addatti Qeerroon yeroo of eeggannoo haalaan barbaachisaa ta’an raawwachuun dirqama ta’eerra geenyerra. Continue reading