Damee Boruutin, Caamsaa 21, 2018
Impaayeera Itoopiyaa keessatti jijjirama Mootota Habashaa keessaa Haayile Selaassie Amma Dr. Abiyi arguuf umurii dheeraa warri argate eeba Waaqayyoo qabu. Waan dhugaan seenaan raga bahu Mootoni Habashaa hundi afuura sobaan kan guutaman, dhugaa wajjin kan garaa fi dugda tahan uummata isaanii sobuu fi afaanfajeen bara baraan warra hawwii qaban akka tahe ifa jira. Waan uummatni irratti baraa fi dammaqaa deemuuf tooftaa fi malaamaltummaan tokkoof hojjeete isaa haaraaf akka hin hjjenne bareechanii beeku. Haayile Selaasseen Waaqatu na muudee jedhe. Dargiin kaayyoo sooshalizimii fi komoniziin afarsaadhaan uummata gura duuche. TPLF kaayyoo dimookraasii haaratu nagaa fi badhaadhina fida jettee ilmaan biyyaa kumaatan hiitee, kumaatamaan ajjeeftee, kumaatamaan naaf gootee biyya guutuu saamuun nama utuu hin taane biyyumti Itoopiyaa jedhamtu akka hiyoomtu goote.
Qabsson uummataa jabaatee itti muddaa gaafa dhufu tooftaan kana dura ittiin deemaa turtu harkatti bishaan tahuu yaroo agartu fala biraa barbaaduun dirqama itti tahe. TPLF miseensonta Impaayeera Itoopiyyaa sana keessatti afaan adda adda dubbatan heddu qabdi. Isaan keessa tokko OPDO dha. OPDOn TPLF Afaan Oromoo dubbatu. Ergaamaan TPLF inni har’a dirqama isaan tiksuu sadarkaa duraatti fudhatee jiru Afaan Tigrees akkuma isaanii dubbata. Miseensonni TPLF Afaan Oromoo dubbatan waan gara aangootti as bahaniif Uummatni Oromoo faayidaa maalii argachaa jira? Uummant Oromoo dinicha owwaalaa hin jiru. Haati Oromoo imimaan ishee hin qoorre. Qaroon qaqqallii ilmaan Oromoo har’as akkuma dur dhiigni isaanii lolaa jira. Warra mana hidhaa diinaa keessatti gidiraa argaa jiran hafee kumaatamaan adamsamanii mana hidhaatti guramaa jiru.
Hoogantonni OPDO afaan damma dibatanii waan uummata Oromoo jaallatanii fi haqa isaaf dhaabbatan fakkaatanii qabsoo bilisummaa Uummata Oromoo bilibilaa jiru dhaamsuuf bishaan itti guuraa jiru. Fuula tokkoon ololla hiikaa hin qabne afuufuudhaan uummata waan ciniinee bulu hin qabne abjuun booka obaasaa fi cooma nyaasaa jiru. Karaa duuba waaraanni TPLF maqaa Labsii Yaroo Muddamaan biyya keenya irra qubatee uummata keenya akka saree bahaa fi galma dhowwaa jira. Amma iyyuu of dhoksuuf haa gidiran , ammam iyyuu fakkeessuuf haa wixxifatan dhugaan jiru ololli sobaa garbummaaf hiikaa hin tahu. Dhugaan lafa jiru rakkinni uummataa yoo kan caalu tahe malee waan furamuuf deemu miti. Dhimi isaanii inni duraa qabsoo Uummata Oromoo diibatee dhufe TPLF irraa baraaruu dha. Hojiin isaanii kun amma nama qarmii xaafii keessa gugguufaa jirutti. Hojii isaanii kana namni hin hubanne yoo jiraate ayyaanlalatootaa fi bitamtoota qofa.
Imaamatni TPLF bara 27 uummata Impaayeera Itoopiyaa ittiin burjaajessaa fi gowwoomsaa as geese har’a qabsoo uummataan keessattuu fincila Uummatni Oromoo godheen saaxilamee fudhatama dhabee jira. Imaamata Dr. Abiyi ittiin deemaa jiru Imaamata oduun qabeenyii fi badhaadhinni biyya Itoopiyaaf samii irraa roobuuf deemu fakkeessee imala lalabaa bakka bakkatti marmaaruu dha. Gaafa aangootti muudamu waggaa torbatti Moototummaa akka fudhatu mul’ata haadha isaa kaasee jira. Mul’anni gaafi sana ka’e ha’a gara imaamata ittiin biyya bulchuu deemaa jira. Yaaddoon koo guddaan utuu humna waraana, tikee fi nagaa eegdu aboome mul’ata isaa kana Sanyii Solomon Dynasty wajjin wal qabsiise Minilki Sadaffaa akka of hin mogaafne dha.
Dr. Abiyi Uummatni Oromoo dhiiga isaa akka lolaa gannaa dhangalaasee akka cunqursaa fi saamsa TPLF qabsoon of irraa dhiibee darbaa jiru hin argu. Arguus hin barbaadu. Sababni isaa innis badii TPLF uummata Impaayeera Itoopiyaa keessa jiru irraan gahaa turte keessaa gahaa mataa isaa waan qabuuf. Itti gaafatama isaa har’a uummatni keenya bulchinsa isaa jalatti akka kana duraa dhumaa jiru duwwaa utuu hin taane kan darbeefis itti gaafatamuuf akka deemu quba qaba.
Haxxummaan ammaan kana mootumaan Dr. Abiyi ittiin deemaa jiru eessaanuu isa gahuuf hin deemu. Uummatni Oromoo uummata gowwwaa waan itti himan hundaa fudhatee akka bishaan bo’oo baasaniif nama duukaa deemu miti. Diinni isaa qawween gad isa qabeef malee uummata qara beekumsaa badhaadhaa biyya lafaaf dabrsu qaba. Biyya olaa irra deemee maaloo uummata keenya mana hidhaa jiran nuuf gadhisaa jedhee yaroo gaafatu of itti qaana’uu qaba. Maali ilmaan Oromoo kumaatamaan mana hidhaa mootummaa isaa keessa jiran nama miti? Maaliif dura dabrsee of hiikee biyoota biraaf fakkeenya hin tahu? Innis nuyis biyya Impaayeera Itoopiyaa keessatti kan hidhu, kan hiiku, kan ajjeessu kan barbaade kan hojjetu TPLF akka tahe ni beekna. Namoota dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa fi qabeenya Oromiyaa dhala dhala isaaniif tahu saaman utuu seeraa fi heera tokkotti hin dhiyaatiin namoota waggaa sadetamaa ol bakka oolimaa mangudoo( adult day care) warra barbaachisu mootummaa keesaa ari’aman jechuun qaani dha. TPLF saroota guddifate uummata keenya irratti gad lakkiftee nagaan qabeenya keenya saamaa jirti.
Uummatni Oromoo dhugaa jiru akka hin dubbanne afaan isaatti maqaa Labsii Yaroo Muddaan cancala naqanii jiru. Ofii akka saree maraatuu olii fi gadii fiiganii uummata burjaajessuu fi ayyaan ilaalatummaan uummata tokko tahe ka’e gargar facaasuuf abalaa jiru. Uummatni Oromoo tokko tahee qabsoo jalqabe kana bakkan yoo hin geenye ayyaanni lafa isaa irraa dugugamee baduu akka isaa eegachaa jiru adda baasee beekuu qaba. Waaqayyoo Uummata Oromoo lafa irra jiraatu kana wajjin isa uume. Lafti isaa keenaa uumaa fi keenaa Waaqaa ti. Qawween yoo tahe malee lafa Oromoo eenyu iyyuu fudhachuu hin danda’u. Diina qawween lafa keenya fudhatee qawween harkaa baafachuu qabna.
TPLF qawween lafa oromoo fudhatee jirti. Seera TPLF jalatti lafni kan mootummaatti malee kan uummataa miti. Akka seera TPLF baafate yoo tahe Uummatni Oromoo lafa kan isaa tahe hin qabu. Mootomuun TPLF kan ijaaramee Tigirootan waan taheef mootommaa kana jalatti lafti Oromoo kan Tigiroota akka tahe dagachuu hin qabnu. Kanaaf bosona keenya, albuuda keenya. bishaan keenya, lafa qonnaa keenya akka barbaadanitti kan nu saamaa jiran. Lafa uummatni keenya akkayyuu fi abaabayuun irra jiraate irraa nu buqqisanii gurguratanii wal badhaasaa jiru. Isaan warra qabeenya nuyi warra hiyeessaa tanee jirra. Sooressi Biyya Itoopiyaa dhiba keessa harki sadetamii shanii ol Tigiroota akka tahan beekamaa dha.
Dr. Abiyi warra kana wajjin yaroo haasaa godhe, horii bara mootummaa isanii kana keesssa horan akka dhala dhala isaaniif dabarsaniif caala illee akka horachuu qaban waadaa galeef ture. Garuu horii biyya alaa dhoksan akka deebisan isaan gaaftees jira. Utuu mootumicha irraa amantii qabatanii maaliif dura iyyuu biyya alaa dhoksuun barbaachisaa tahe? Utuu biyya tokko keessa waliin jiraana jennee iyyuu warra qabeenya Oromoo samee soorome kana wajjin karaa dinagdee wal dorgomnee jiraachuu hin dandeenyu. Yaroo hundaa abbaa qabeenyatu karaa hundaa dhiitee biyya bita. Kanaafu biyya sana keessatti haalli karaa nagaan waliin jiraachuun hin danda’amne uumamee jira.
Uummanti Oromoo nagaa fi aarara jalata yaroo jennu nagaa fi aaraara sobaa afaaniin fakkeessan miti. Uummatni Oromoo dubbii dhugaa of keessaa hin qabne hin fudhatu. Mootumuma TPLF irree tokkummaan kaane of irra buqqisaa jirru ijoolleen keenya afaanumaan nu gowwomsanii akka waan mootummaan haaraan nuuf uummama jiruu fakkeessuuf yaala guddaa gochaa jiru. Hiree keenya irree tokkummaan ofii keenya akka murteefannuu Fincila Xumuraa Garbumaa bakkaan gahuuf WBO fi QBO wajjin dhaabbanee qabsoo keenya halkanii fi guyyaa itti haa muddinu.
Gadaan Gadaa Bilisumaa Ti!
Injfannoo Uummata Oromoof!