Oromiyaa/Itiyophiyaa Keessatti Nageenya Waaraa Fiduuf Ejjeennoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo!

Aside

Oromiyaa/Itiyophiyaa Keessatti Nageenya Waaraa Fiduuf Ejjeennoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo!

Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Caamsaa 25,2018

Finfinnee Oromiyaa

Akeeka uummata Oromoo qabatee, Adda Bilisummaa Oromoo jala hiriiruun garbummaa jaarraan lakkaahamu kan uummata Oromoo irratti fe’amee sochii jiruuf jireenyaa uummatichaa irratti dhiibbaa guddaa taasisaa jiru qaarisiisuuf qabsoo karaa nagaa gochaa turuun Qeerroo Bilisummaa Oromoo hundaaf ifaadha. Jaarmiyaan Qeerroo Bilisummaa Oromoo Bara 2011 keessa Oromiyaa  biyyattii keessatti hundeeffameen as, gaaffii karaa nagaa uummatasaa bakka bu’uun gaafataa turu illee, qaamotni mootummaa deebii karaa nagaa gaafatame karaa waraanaa fi afaan qawwee akkasuma hidhaaf dararaan dargaggoo uummata Oromoo akkasuma sabaaf sabalammoota biyyattii hacuuccaa jala jiran irraan geessisuun dadhabsiisuu yaalan illee qabsoo Qeerroo Bilisummaa Oromoo ABO hogganamu duubatti deebii utuu hinyaadin garboonfataa ittuu raasee sadarkaa dhabama taasisu irraan gahe.

Akeeka Qeerroo Bilisummaa Oromoo karaa nagaan rakkoo siyyaasaa furuuf bobbaafame kan yeroo dhiyoo asiitti karaa mootummaa deebiin waraanaaf ariisaa barattootaa jumulaan ilma Oromoo mana barnootaarraa ari’uuf ajjesuun Wayyaanee kan yaadatamudha. Yakkoota ciigasiisoo ajjeechaa,hidhaan dararuu,qabeenya saamuu,deegsuu fi hamlee cabsuun dabalatee hedduun irratti raawatee jira. Continue reading

Gaaffii Uummata Oromoo Deebii Hanga Argatutti Qabsoon Itti fufa!

Aside

Qalbeessaa Dhangayaan
Gaaffiin uummataa gaaffii haqaa ta’uu utuu beekanii, deebiisuu irra humnaan uummata akkanni gaaffii hingaafanneef Afaan Qawween uummata ukkaamsuuf yaalaa kan turan irraayyuu haamilee uummataa xuquuf beekumsatu sitti hir’ata jechuun waltajajjii irratti jechoota daa’imaan dargaggoo haamilee buusuuf yaaluun Dr. Abiyyi Ahemad balaaleffatamuu qaba.
Akka sabaatti  gaaffiiwwaan bu’uuraa gaaffii Bilisummaaf gaaffii abbaa biyyumaa Oromoo gaafataa tureef jiru dabsuun akka waan gaaffii OPDO aangoomsuuf Oromoon gaafataa tureetti fakkeessuun gartuuwwan hololtoota Wayyaanee OPDO’n uummata gowwoomsuun fakkeessaa jiran. Erga isaan muummee Ministeeraa ta’anii gaaffiin uummataa akka deebi’etti ilaaluun, uummata Oromoo waggoota 27 ol soban itti dabalanii sobuuf carraaqqii irra jiran. Gama biraan wayyaanotuma ta’anii akka maxinoo/Qiixxaa keessaaf duubaan utuu walfakkaatanii tokko ta’anii jiranii, waan qofaatti TPLF waliin wal dhabdee qabaniitti kan lallaban OPDO’n yakkoota waggoota dheeraaf uummatarraan gahaa jiraniif itti gaafatamummaa fudhatuu baqaaf afaan faajjiif hololaan ofirraa dhiquuf abbaluu isaanii agarra.

Continue reading