Wallee Warraqsaa Artist Heenok Joorj

Aside

Onnee Oromoo bilisummaa dhabee bokoke bilisummaa qofatu qabbaneessa!

Aside

Jiituu Gadaatiin
Oromoon erga onneen isaa waan barbaaddu dhabdee bokoktee jaarraan 1 darbee jira. Onnee oromoo dheebotte dheebuu baasna jechuun burqaaleen burqan hedduun garuu ittuu isa dheebossani. Nyaata taanee quubsinaan kan jedhan hedduun waan jedhan haalanii deebisanii isa nyaatani. Bidiruuleen si ceesisna ittiin jechuun dhaadatan tokko tokkos galaana walakkaa gahanii cabuun “ aalbeen lafee ittiin cabsuuf abdatan, tiruurra geessee cabdi” isa jechisiisani. Kaan ammoo waadaan isaanii qilee buutee oromoo abdii qofaan ija akka culcul godhu isa dirqamsiisani.

Oromoon tarii kanatu furmaataa, tarii isa sanaa jechaa jaarraa tokkoo oliif ifaajus garuu abdii kutee harka maratee hin teenye. Har’as dheebuu onnee isaaf bishaan kan taate; beela garaa isaaf nyaata kan taate; dhiiga taatee isa keessa facaatee kan lubbuu itti hortu; humna taatee jabeessitee kan bor isa soortu; har’a wareegama hedduu baasistee orma ija keessa ilaalsistus, boru qabeenya dhuunfaasaa kan taate bilisummaa barbaaduu irraa boodatti jedhee hin beeku. Continue reading

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Guraandhala 14, 2017

Aside

SBO Gurraandhala 15,2017. Oduu, Barruu hirmaataa fi Gaaffii fi deebii miseensa Gumii Sabaa ABO Jaal.Oromiyaa Gadaa waliin akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

QOPHII KAAYYOO tamsaasa kallatti Guraandhala 13/2017 Artist Caalaa Bultumee waliin taasifne.

Aside

MUST WATCH – “Qorsa Summii Bofaa”

Aside

“Ayyoo Oromoo dhaa” Qaanqee Show

Aside

Qophii Kaayyoo

Aside

Haala Yeroo Irratti Hundaawuun Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

 

 

 

 

 

Haala Yeroo Qabsoo Bilisummaa Oromoo Sochii Warraaqsaa Biyyoolessa Oromiyaa FXG jabeessuu fi Ololoota farra Qabsoo Bilisummaa Oromoo İrratti fuulleeffachuun Qeerroon Bilisummaa Oromoo marii gabaaba erga godhee İbsa qabxii 7 qabu ummata Oromoo hundaaf dabarse.

Sochiin Warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXGn kabajamuu mirga abbaa biyyummaa fi kabajamuu mirgoota Dimookiraasiifİ bilisummaa Uummata Oromoo gonfachiisuuf yeroo irraa gara yerootti Hoogganummaa Qeerroo Bilisummaa Oromootiin finiina kan tureefi jiruu yeroo amma kana Caasaa sirna fi Siyaasaa mootummaa abbaa irree Wayyaanee kaan diigee fi bulchiinsa sirnichaa raasuun biyyattiin caasaa bulchiinsa Waraanaa jala akka galtu kan godhee jiru ta’uun beekamaadha.

Mootummaan Wayyaanee sirni bulchiinsa isaa warraaqsaa Biyyoolessaa Oromiyaa FXGn burkutaa’ee caasaa waraanaa qofa irratti rarra’ee maqaa bulchınsa waraanaa muddamaan labse (state of Emergence) jedhuun wayita biyyattin addatti Oromiyaan bulchiinsa Waraanaa jala galtee jirtutti dhaabni Maxxannee Wayyaanee fi Ergamtuun diinaa ilmaan Oromoo 3500 ol falmaa mirga abbaa biyyummaa irratti wareegamanii fi kumoota dhibbootaan madoo ta’anii waldhaansa dhabanii yeelalaa jiraniifi Uummata Oromoo Miliyoona walakkaa olitti lakkaa’amuu Manneen hidhaa biyyaatti bakkoota garaagaraatti hidhamanii dararamaa jiraniifi utuu itti gaafatama Seeraa fi Seenaa jala jirtuu afaan qaaniifi saalfii hin qabneen media irratti bahuun akka nama uummata Oromoof quuqama qabuu fi sabboonummaa qabuu fakkeessuun dhiyeenyaa mataan dhaaba ergamtuu diinaa kan ta’ee Lammaa Magarsaa haasawaa gochuun isaa shira wayyaaneen dargaggoota Oromoo dhaaba maxxannee Wayyaanee OPDO keessa turanii keessa dhiittatanii bahuun Warraaqsaatti makamanii falmachaa jiran gowwomsuuf shira itti fakkeessi ta’ee jettee wayyaaneen akka Lammaan Magarsaa akkas jedhee haasawaa godhee haa jedhamuu qofaafi ittin ololaa jaamaa ofuuf kan fayyadamte ta’uu Qeerroon Bilisummaa Oromoo gadi jabeessuun hubata; Continue reading

SBO Gurraandhala 12,2017. Oduu, Qophii haaromsa wayyaaneen baantu ilaallatuu fi Gaaffii fi deebii maanguddoo Oromoo Obbo Morkaa Dheekkamaa waliin godhame kutaa xumuraa

Aside