Gurraandhala 15,2017
Maqaa haaromsa gadi fageenyaa jedhuun tooftaa haaraa Wayyaanen TPLF baafatteen guyyoottan darban qondaaloti OPDO kan ergama TPLFn ummata Oromoo keessa bobba’anii jiran ololaa fi goyyomsa haarawaan daldala biro jalqabanii jiru.
Ammaan Godina Arsii Itayyaa kaasee hanga Seeruutti daandii aspaaltii isinii goona jechuun Pireezidaantiin duraanii Muktaar Kadiir dhagaa bu’uuraa erga kaayee osoo dhagaan tokko achii hin ka’in har’a waggaa Sadih (3)guuteera, kanaan dura sababa kanaan ummatarraa maallaqa miiliyoonan ummata irraa funaanaa turan, ammas marraa biraa ummata irra deemanii mishoomi ammaan duraa fi dhagaa bu’uuraa Kanaan dura wagga 20 oliif kaayaa turre waan hin milkoofneef haaraatti maallaqa buusaatii dhagaa bu’uuraa biraa haa keenyu jechuun ummata Oromoo goyyomsaa jiraachuun beekame.
Jidduu kana kaabinoonni OPDO Oromiyaa keessa faca’anii haaromsa gadi fageenyaa goona jedhchuun ummata bifa haaraan goyyomsaa akka jiran beekamaa dha. Haala kanaa addatti godina Arsii Hurutaafi Arsii Addeellee keessatti horii boosaa jechuun ciminaan saamicha gaggeessaa akka jiran beekame.
Oromoon erga onneen isaa waan barbaaddu dhabdee bokoktee jaarraan 1 darbee jira. Onnee oromoo dheebotte dheebuu baasna jechuun burqaaleen burqan hedduun garuu ittuu isa dheebossani. Nyaata taanee quubsinaan kan jedhan hedduun waan jedhan haalanii deebisanii isa nyaatani. Bidiruuleen si ceesisna ittiin jechuun dhaadatan tokko tokkos galaana walakkaa gahanii cabuun “ aalbeen lafee ittiin cabsuuf abdatan, tiruurra geessee cabdi” isa jechisiisani. Kaan ammoo waadaan isaanii qilee buutee oromoo abdii qofaan ija akka culcul godhu isa dirqamsiisani.