Guraandhala 15/2016 Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG’n Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaallaa, Shaashaamannee, fi Siraarootti Haalaan jabaachuun Finiinee, Ilmaan Oromoo 3 Olitti lakkaa’aman Shaallaa keesstti wareegaman.

Aside

Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa Haalaan jabaachuun Godina Arsii Lixaa AAnawwaan Shaashamannee, Shaallaa fi Siraaroo keessatti Uummata Oromoo, Qeerroo Dargaggootni Oromoo fi Barattoota Oromoo FXG finiinsuun Warraaqsaa Seenaa qabeessa gaggeessuutti seenan.Sochiin Warraaqsaa Uummataa kun Guraandhala 14/2016 Shashaamanneetti dargaggootaan finiinaa kan jiru Shaallaa fi Siraaroo dabalatee haalan Finiinee Itti fufuun waranni Wayyaanee Agaaziin waraana ilmaan Oromoo irratti baneen ilmaan Oromoo 3 olitti lakka’aman rasaasaa loltoota wayyaanee irra itti dhukaafameen Shaallaa Magaalaa Ajjee keessatti kanneen Wareegaman keessa maqaan kan beekame 1.Fincilaa Wariyoo fi 2.Usheexoo Nageessoo dabalatee ilmaan Oromoo 3 olitti lakka’am wareegamani jiru, Ilmaan Oromoo hedduun madeeffamuu Maddeen keenya gabaasan. Maqaa wareegamtoota Oromoo adda baasuun isiniif gabaasna. Goototni Oromoo Arsii Lixaa Aanaa Shaallaa Tarkaanfii Waraana Wayyaanee of irraa Ittisuuf fudhataniin Lultoota Wayyaanee Lama Galaafachuun hedduu irraan midhaa jabaa Qaqqabsiisuun tarkaanfii Of irraa ittisuu fudhachuun diinaa rifaasisan, haala kanaan walqabatee walqabatee Arsii Lixaa Shashaamannee, Shallaa Fi Siraaroon gara Dirree Waraanatti jijjiiramtee jirti. Addaatti Aanaan Shaallaatti goototni barattootni Oromoo M/B Sanbatee Shaallaatti tarkaanfii gootummaa Alaabaa Abbaa Irreecha Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO mana barumsaa keessa buusanii gubuun, Alaabaa ABO ol qabuun Dhaabuun dhaadannoon armaan gadii dhageesisan. -Gaaffii mirga Abbaa biyyummaa haa kabajamu!! -hidhamtootni Oromoo hiikamuu qaba!! -Waraanni Wayyaanee Oromiyaa Gadhiisee bahuu Qaba. -dhabni jalee Wayyaanee OPDO n nu hin bulchiituu. -Sirni bulchiinsa Wayyaanee Oromiyaa gadhiisuu qaba. -Master Pilaaniin Finfinnee itti fufee jiruu hatattaman dhaabbachuu qaba kanneen jedhan dhageessisuun Warraaqsaa Jabeessaan Yeroo Amma kana Shaallaa keessatti Sagalee Dhukaasaa Meeshaa Waraanaa Gurguddaan Wayyaanee irraa uummata irratti dhukaafamaa jiruu dhagaa’ama jira.. Gabaasaan …Gabaasaan Kun Itti fufa. Godina Harargee Bahaa Aanaa Giraawwaa Magaalaa Laaftoo keessattis Haaluma walfakkattuun sochiin Warraaqsaa FXG haalaan Jabaachuun kan Itti fufee Olee yoo ta’uu Uummatni oromoo fi Qeerroon dargaggootni fi Barattootni Oromoo gaaffiin keenya gaaffii kabajamuu mirga Abbaa Biyyummaati, hanga Bilisummaa keenya gonfannuuti warraaqsaa irraa loltuu fi oloaa wayyaanee OPDO’n hin dhaabbannuu, OPDO’n nu hin bulchituu, OPDOn kan wayyaaneeti, Wayyaanee jalattii hin bulluu jechuun Warraaqsaa jabeessuun itti fufsiisan.

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Guraandhala 15,2016/ Gabaasa Waayee Boqochuu Artist Admaasuu Biraanuu

Aside

Godina Wallagga Aanaa Siree Sibuu Keessatti FXG Daran Hammaate.

Aside

Har’a Guraandhala 15,2016 Warraaqsi Ummataa Daran Finiinfamee Wallagga Bahaa Aanaa Sibuu Sireetti Sochiin uummataa kan ba’aaf gala dhorkaa jiru itti fufee.
Waayyaanotatti umurii butuuf jechaa jira.haallaan jireenyaaf muka qabataallee hangs dhabanitti OPDO hirriba dhorkaa ka jiru yoo ta’u har’a A/Sibuu Siree Waamaa bakka jedhamutti Warshaa sukkaaraa Kan qabeenyummaansaa kan Hindii ta’e Shonkoraan akka barbadeeffame odeessi
achii nu ga’e ifoomsa.Naannoon Waamaa sa’ati kanatti humna waraanaan eegamaa jirti.kan uummata saamee duroomaa jiruuf ummata dhibbaan
Lakka’amu laficharraa godaansise Hindiin bakka lixaa dhabdee jirti.Tigiroota qubatanii achuma jiranittis tarkaanfiin akka fudhatamu abdii qabna

Aside

Har’a Gurraandhala 15,2016,  Godina Arsii Lixaa aanaa shaalla magaalaa Ajjetti lola guyyaa haraa poolisii federaalaafi ummata giddutti taasifameen poolisiin federaalaa 4 ajjiisanii meeshaarraa hiikkataniiru ummata keessaa ammaaf 3 dueera ,sababiin kalee galgagala konkolaataa magaalaa Shaashamannee keessaa osoo hamoommota fe’ee gara aanaa Shaallatti maaliif sirba caalaa bultume sirbisiisaa jedhaniin rasaasa itti roobisanii ijoollee maqaan isaanii Jannuu Tashitaa,Shuumii Nageessoo,Roobaa Jiloo fiHabtaamuu Fayyissa rukutuun yeroo ammaa hopsitaala Kuyyaa keessa jiru

“WBO Kiyyaa Yaa WBO Kiyyaa” FXG Qeerroo Godina Walloo Gur,2016

Aside

Aside

diddaa9Guraandhala 15,2016 Godinaalee Oromiyaa Garaagaraa Keessatti Maqaa Walga’ii Barsiisotaa Jedhuun Daballootni Ergamtuu Mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF Kan Taate OPDO’n Warraaqsaa FXG Dura Dhaabbachuuf Gaggeessitee Mormii Guddaan Xummurame.
Walga’iin Wayyaanee kun Sabaabaa Warraaqsaa Biyyoolessaa oromiyaan Barnootni semisteera tokkoffaa Ugguramuun walqabatee Ammas Mormiin Guddaan kan Wayyaaneetti Xumura godhee darbuu danda’uu finiinaa jiraachuu irraa harka tokkoon Waraanaa nannawaa Manneen Barnootya qubsiisaa harka tokkoon immoo sossobbii barsiisotaatti fuulleeffachuun Warrraaqsa dura dhaabbachuun Olola sobaa TVO, ETV FI Medialee of harkaa qabduun olola kijibaa uummatatti afuufuuf jettee maqaa walga’ii barsiisotaa jedhuun barsiisotaa duraan miseensota OPDO turanii fi Dabballoota ergamtuu Wayyaanee kanneen ta’anii Oromiyaa keessa jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti walitti qabuun kijiba ofaa jiraachuu irraa Mormiin guddaa fi Gaaffiin barsiistaan Waan Deebisaan dhabuun bifa kadhaa fakkeessuun Sossobbii dabballootni Wayyaanee guyyaa lamaaf godhaniin barsiisotni Oromoo nuti isin Waliin hin dubbannuu isin Hirmii uummata oromootii jechuun mormii isaanii hanga dhumaatti callisaan dhageesisuun ergamtoota diinaa qaanessaan. Godinoota Oromiyaa Walga’iin kun irratti Xiyyeeffatee keessaa :
1.Godina Lixa Shaggar Amboo
2.Godina Kibba lixa shaggar Walisoo
3. Godina Wallagga Lixaa Gimbii
4.godina Wallaggaa Bahaa Naqemtee
5. Godina arsii lixaa Shaashaamannee
6.Godina Shawaa kaabaa Shaggar(Salaalee) Fiichee
7. Bulchiinsaa Magaalaa burraayyuu irratti kan xiyyeffachuun ergamtootni diinaa loltootaa fi humnoota tikaan Marfamanii olola afaan fajjii ofuuf kan gaggeessan diddaa barsiisotaan xummurame.
Sochiin Warraaqsaa FXG daran jabaachaa adeemuun Walqabatee Manneen Barnootaa godinoota kanneen keessatti itti Fufinsaan Cumamanii jiraachuun Dhaadannoon Branootni Bilisummaa Booda (BBB) jedhuu Daran jabaatee itti Fufee jira.

Oduu Gaddaa:- Hayyuun Sabaa fi Jaallatamaa Kennaa Addaa Kan Qabu Artist Admaasuu Biraanuu Boqochuun Dhagahame.

Aside

Gurraandhala 15,2016 Oduu Gaddaa
Artistii Beekamaa fi jallatamaa Admaasuu Biraanuu kaleessa galagala sababaa hin beekamneen du’e reeffii Isaa mana isa keessaa argamee yeroo ammaa kana Hospital Miniliik keessaati qoratamaa Jira maatiifi firoottan isaaf jajjabina hawwaa ummata Oromoo qaroo artii isaa dhabeefiis jajjabinaan hawwa.

Matii Isaa fi Uummata Oromoo Hundaaf Hayyuu Dhabneef Waaqayyo Jajjabina Isaa Nuu Haa Kennu.

Sabboonaa Kabbadaa Abarraa Margaa University Amboo Campus Waliso Irra Barnootaa Computer science Ebbifame Mana Hidhaa Waliisoo Ejersaa Keessatti Akkaan Dararamaa Jiraachuun Beekame.

Aside

12751902_1039826539411160_2038324116_oGuraandhala 15,2016 Sabboonan Oromoo Kabbadaa Abarraa Margaa daraaraa guddaan mana hidhaa Walisoo Ejersaa jedhamee beekkamu keessatti daraaraa guddaan akka irraa gahaa jiru barame. Kabbadaa Margaa Mormii Master Plan Finfinnee situ qindeessaa ture ammas uummanni akka mirgaa isaaf falmatu addaa dureen gootee jechuun gaafa guyyaa 7/2/2016 waraana Wayyaaneen ukkaamfame.

Kabbadaa Margaa kan dhalatee guddatee Godina kibba lixa Shaggar Aanaa Ammayyaa ganda qotee bulaa Arrooyyiti. Barnootaa Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa achuma Magaala Gindooti barate. Sadarkaa Olaanaa University Amboo Campus waliso irra barnootaa computer  science eebbifame dalagaa irraa illee dhorgamee jiraata ture. Bara 2004 Mormii Magaala gudditti Oromiyaa Finfinnee irraa Aadamaati dabarsuuf jedhan dhaabuuf taasifame irratti illee ijoollee Ammayyaa hedduu waliin hidhame, Bara 2006 illee Mormii ajjeechaa barattoota Oromoo akka Jaagamaa Badhaanee fa irratti hiriiraa taasifameen wal qabatee Ammayya irraa wagga 5 itti muranii hidhaa ture.

Baroota hedduuf barnootaa isaa irratti gufuu ta’anii bara hedduu mana barnootaa keessa akka turee fi osoo abdii hin murin University irraa eebbifame. Baruumsa xumuree hojii akka hin arganneef xalayaa jala barreessa turan . Rakkoo ilmaa Oromoo kana irraa gahuu cufaaf itti gaafatamni bulchitoota Godina kibba lixa Shaggar fi Aanaa Ammayyaa ta’uu uummanni naannoo heere.

Arsii Lixaa Shaashimanneetti FXG itti fufe waraanni Wayyaanee uummata irratti dhukasa bane.‏

Aside

Guraandhala 15,2016, Godina Arsii lixaa magaala Shaashimanneetti kaleeysa FXG finiineen humneen Wayyaanee dura dhaabbachuudhaan uummannii fi barattootni fincila jabaa gaggeessanii jiru. Dhukaaasni guddaan uummata irratti baname namootni 15 ol rasaasasan rukutaman martinuu amma Hospitaala Kuyaaratti argamu. Kannen qonnaan bultoota rasaasa wayyanen kaleeysa rukutaman keeysaaa

1. Januu Tashitaa

2. Oba Jiloo

3. Shuma Nagaasa

4. Habtamuu Fayisaa

5. Amaan Jiloo

Kanneen jedhaman FXG kaleeysa bahan irratti kan dhahaman iidha. Uummanni tarkaanfis fudhatee jira. poolisoonni wayyaanen heddunis madeeffamanii jiru. Magaalan shaashimannee amma humna waraana weeraramtee kan jirtu yoo tahellee uummanni daandii cufaa jira. kaleeysa Gurandhala 14/2016 ganama irra kaasee hanga ammaatti fincili aanaa Shashimannetti jabaatera. Namootni hedduun hidhaatti guuramat jiru. Akkasuma uummata keeysaan tarkaanfin qabeenya diinaa fi kaabine irratti fudhatamuunis itti fufee jira .

Waraanni konklaataan 5 ol har’as Arsiitti duulaa jira FXG kunoo hamma galii isaa gahuttis godinaale oromiyaa bakka hedduutti
nuffii fi sodaa tokko malee itti fufeera.

Diddaa Gootota Barattoota Oromoo Yuniverstii Haromayaa Kaampaasii Harar Gurraandhala 2016

Aside