Goototi Dargaggoonni Oromoo Baha Wallaggaa FXG Gara Bilisummaatti Tarkaanfachiisuu Har’as Dhadannoo Dhageessisaa Jiru.

Aside

Gurraandhala 23,2016 Ummati waanjoo gabrummaa baachuuf dhiitichaa abbaa irree damdamachuun nufisiisee lubbuusaa aarsaa gochuun diinasaa kan ta’e Shorokeessitoota Waayyaaneet bol’a qotuufsochii rog hundaan godhaa jiru jabeessuun har’a baha Wallaggaa bakkeewwaan hedduutti diinasaa hudhee kan dhaabe ta’uu bakkeewwan Leeqaa Dullachaa,Bonayyaa Boshee,Habashaa Sanbataa,Naqamte (Kibba Waachaa,Bordii,Dargee fi Mana barumsaa Qassoo) kan magaalaa Naqamteetti argaman keessatti mormiin dhiittaa namoomaa of irraa fonqolchuu ittu fifeera

Wallagga Qellem Aanaa Gidaamitti Namootni 7 Rasaasa Wayyaaneetiin Wareegaman‏

Aside

Gurraandhala 23,2016 Yeroo ammaa kana Godina Wallaggaa Qellem naannoo Begii fi Gidaamitti dhukaasni guddaan dhaga’amaa jira.
Magaalaan Gidaamii namni walitti hin deemu waraana Gambeela irraa dhufetu buufatee baadiyaa keessa deemaa jira.
Ganda Buriitti nama 5n yoo wareegamu Giraayitti nama 2tu wareegame kun kan barameedha jedhan dhukaasni gurguddaan aanaa Gidaamii keessa dhaga’ama. Qonaan bulaan dandii cufataa jira galgala kana. Gandootni hedduun garuu humni waraanaa guddaan mesha gurguddaa baatee socho’uu Qeerroon sodaa tokko malee FXG finiinsaa jira. Waraqaasa uummata keessa tamsaasaa jira.
Qonaan bulaan rasaasaan mada’ee baayeedha. Kan qabamaa ukkaamfamaa jiranis akkasuma jedha Qeerroon Gidaamii irraa. Sagaalee dhaadannoo halkan kanas baadiyaa keessaa dhaga’amaa jira. Uummata irratti waraanni gocha gara jabeenyaa fudhataa jira.
Naannoo Ga’oo Qeebbeettis FXG uummataa jabaatee jira. Daandiin cufamuudhaan uummanni walitti dhufuudhaan mootummaa wayyaanee akka hin barbaanne dhaadannoo dhageesisaa jira halkan kanas aanaalee heedduu Qellemitti itti fufee jira.

 

Harargee A/Baddaannoo Ganda 42 Keessatti Alaabaan ABO Fannifamee Sirnaan Torban Lakkaawa Jira, FXG Lixa Oromiyaatti Itti Fufe‏

Aside

Gurraandhala 22,2016 Harargee aanaa Baaddanno ganda 42 keessatti Alaabaan ABO torban tokkoo oliif dhaabbilee barnootaa, waajjiraalee fi maaglota keessatti fannifamee jira. Gandoota kanneen keessaa gandi 16 tahu bulchiinsa wayyaanee jalaa of baasee jira. Kana booda mootumman wayyaanee uummata oromoo waliin jiraatuun soba tahuun yeroo ammaa ifaa ifatti hubatamee kanneen diina jala kaachuudhaan ilmaan oromoo miidhaa bahan gara itti goran dhabanii jiru.

Lixa oromiyaa wallagga bahaatti magaala Naqamtee mana barumsaa keesoo jedhamutti alaabaa federaalaa bbu’ee gubame alaaba keenya bakka bu’e fannifamee jira. Mana barumsaa Dargeettis alaabaan keenya fannifamee jira.
Bulchaa godina wallagga bahaa lubbuudhaan bahee jira. Manni jireenya isaa Qeerroodhaan burkutaa’ee jira. Waajjirri Gooxii garagaraa daaraa tahaa jira. Wayita kanatti FXG guddaatu gaggeeffamaa jira. Dhukaasni uummata nagaa irratti dhukaafamaa jira jedha Qeerroon.

Guyya lama dura Wallagga lixaa aanaa Warra Jirruu ganda Samboo Sadan jedhamutti dargaggoo Hordofaa Gammachuu jedhamu loltooti Wayyaanee rasaasaan rukuttee ajjeesuun ni yaadatama. Haaluma kanaan uummanni gara tarkaanfii fudhachuutti seenuun

– Kaabinoota wayyaanee magaalota keessaa manaa fi qabeenya isaanii gubuun ariyaa jiru

– Qabeenya Allaamuddiin yeroo dhagaa ijaarsaaf tolu san achirraa fe’uuf dhufutti konkolaataan isaa hojiin ala tahee jira. Uummanni yaa’ee
qabeenya isaa irrattis tarkaanfii deebii hin qabne fudhataa jira.

Wallaggaan Qelleem yeroo ammaa kanas itti fufee kan jiru FXG isaa humni waraanaa naanoo Gambeelaa irraa fe’amee dhufe magaala naannoo Dambi Doolloo fi Anfilloo buufatee jiraatuun Qeerroon gabaasee jira. FXG garuu itti fufeedhuma jira.

“Abbaan biyyaa ABO dha. Abbaan biyyaa ABO dha” Jedhu Goototi Oromoo Hararge Gaara Mullataa Aanaa BAddannoo/Gurraandhala 23,2016

Aside

Goototi Oromoo ilmaan murtii guutoo Guyyaa har’aa Gurraandhala 23, 2016 Hararge bahaa gaara Mullata aanaa Baddannoo magalaa Odaa Bishaani keysati hala kanaan itti jiran

Aside

Gurraandhala 22,2016 Godina Boorana Aanaa Liban diddaan sirna Wayyaanee itti fufee oole .Gandoota horsisee bulaa Dhaka qalla, boobaa, bulbulii, ..mugayoo, .malka gubaa, simintoo fi hadheessaa kesssaatti. mormiin guddaa hanga har’aatti gaggeefamaa jiraachuu Qeerroon gabaase.