Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo(SQ) Qophii Guraandhala 6, 2016
Aside
Guraandhalaa 5, 2016 Godina Baha Wallaggaa aanaa Nuunnuu Qumbaatti Warraaqsii FXG Qeerroo dargaggoota Oromoo fi Uummataan daran jabaachuun itti fufee jiraachuun Qeerroon Nuunnuu gabaasee jira, Konkolaataan Bulchiinsa Wayyaanee tokkos barbadooftee jiraachuun ibsame jira.
Aanaa Nuunnuu Qumbaa bakka Magaalaa Adaree jedhamuun beekamtutti Warraaqsii uummataa fi dargaggootaan jabaachuun kan itti fufe, yoo ta’uu uummatni Oromoo fi Dargaggootni Oromoo Aanaa Nuunnuu Qumbaa Waraanaa Agaazii fi Dabballoota wayyaanee konkolaataan socho’anitti daandii cufuun Diddaa isaa jabeessuun konkolaataa wayyaanee tokko hojiin ala gochuun warraaqsaa finiinsan, gaaffii mirga abbaa biyyummaaf diibiin hanga nuuf kennamutti kanfaltii Gibiraa fi Buusii kamuu hin kaffallu, mootummaan Kufeera isin jalatti hin bulluu, Jaleen Wayyaanee OPDO’n Diigamteetti, kanaan booda Ofiin of bulchina jechuun warraaqasaan waraana wayyaanee dura dhaabbatan. Mootummaan Wayyaanee Guyyaa har’aa konkolaataa bulchiinsaa Aanaa Nuunnuu Qumbaa barbaadessitaan jechuun Uummataa Magaalaa Adaree jiraatu irraatti waraana Agaazii bobbaasee jiraachuun ibsame jira.