Guraandhala 15/2016 Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG’n Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaallaa, Shaashaamannee, fi Siraarootti Haalaan jabaachuun Finiinee, Ilmaan Oromoo 3 Olitti lakkaa’aman Shaallaa keesstti wareegaman.

Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa Haalaan jabaachuun Godina Arsii Lixaa AAnawwaan Shaashamannee, Shaallaa fi Siraaroo keessatti Uummata Oromoo, Qeerroo Dargaggootni Oromoo fi Barattoota Oromoo FXG finiinsuun Warraaqsaa Seenaa qabeessa gaggeessuutti seenan.Sochiin Warraaqsaa Uummataa kun Guraandhala 14/2016 Shashaamanneetti dargaggootaan finiinaa kan jiru Shaallaa fi Siraaroo dabalatee haalan Finiinee Itti fufuun waranni Wayyaanee Agaaziin waraana ilmaan Oromoo irratti baneen ilmaan Oromoo 3 olitti lakka’aman rasaasaa loltoota wayyaanee irra itti dhukaafameen Shaallaa Magaalaa Ajjee keessatti kanneen Wareegaman keessa maqaan kan beekame 1.Fincilaa Wariyoo fi 2.Usheexoo Nageessoo dabalatee ilmaan Oromoo 3 olitti lakka’am wareegamani jiru, Ilmaan Oromoo hedduun madeeffamuu Maddeen keenya gabaasan. Maqaa wareegamtoota Oromoo adda baasuun isiniif gabaasna. Goototni Oromoo Arsii Lixaa Aanaa Shaallaa Tarkaanfii Waraana Wayyaanee of irraa Ittisuuf fudhataniin Lultoota Wayyaanee Lama Galaafachuun hedduu irraan midhaa jabaa Qaqqabsiisuun tarkaanfii Of irraa ittisuu fudhachuun diinaa rifaasisan, haala kanaan walqabatee walqabatee Arsii Lixaa Shashaamannee, Shallaa Fi Siraaroon gara Dirree Waraanatti jijjiiramtee jirti. Addaatti Aanaan Shaallaatti goototni barattootni Oromoo M/B Sanbatee Shaallaatti tarkaanfii gootummaa Alaabaa Abbaa Irreecha Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDO mana barumsaa keessa buusanii gubuun, Alaabaa ABO ol qabuun Dhaabuun dhaadannoon armaan gadii dhageesisan. -Gaaffii mirga Abbaa biyyummaa haa kabajamu!! -hidhamtootni Oromoo hiikamuu qaba!! -Waraanni Wayyaanee Oromiyaa Gadhiisee bahuu Qaba. -dhabni jalee Wayyaanee OPDO n nu hin bulchiituu. -Sirni bulchiinsa Wayyaanee Oromiyaa gadhiisuu qaba. -Master Pilaaniin Finfinnee itti fufee jiruu hatattaman dhaabbachuu qaba kanneen jedhan dhageessisuun Warraaqsaa Jabeessaan Yeroo Amma kana Shaallaa keessatti Sagalee Dhukaasaa Meeshaa Waraanaa Gurguddaan Wayyaanee irraa uummata irratti dhukaafamaa jiruu dhagaa’ama jira.. Gabaasaan …Gabaasaan Kun Itti fufa. Godina Harargee Bahaa Aanaa Giraawwaa Magaalaa Laaftoo keessattis Haaluma walfakkattuun sochiin Warraaqsaa FXG haalaan Jabaachuun kan Itti fufee Olee yoo ta’uu Uummatni oromoo fi Qeerroon dargaggootni fi Barattootni Oromoo gaaffiin keenya gaaffii kabajamuu mirga Abbaa Biyyummaati, hanga Bilisummaa keenya gonfannuuti warraaqsaa irraa loltuu fi oloaa wayyaanee OPDO’n hin dhaabbannuu, OPDO’n nu hin bulchituu, OPDOn kan wayyaaneeti, Wayyaanee jalattii hin bulluu jechuun Warraaqsaa jabeessuun itti fufsiisan.

1 thought on “Guraandhala 15/2016 Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FXG’n Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaallaa, Shaashaamannee, fi Siraarootti Haalaan jabaachuun Finiinee, Ilmaan Oromoo 3 Olitti lakkaa’aman Shaallaa keesstti wareegaman.

  1. Pingback: Oromia: #OromoProtests: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2016 | OromianEconomist

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s