Guraandhala 15,2016 Godinaalee Oromiyaa Garaagaraa Keessatti Maqaa Walga’ii Barsiisotaa Jedhuun Daballootni Ergamtuu Mootummaa Wayyaanee EPRDF/TPLF Kan Taate OPDO’n Warraaqsaa FXG Dura Dhaabbachuuf Gaggeessitee Mormii Guddaan Xummurame.
Walga’iin Wayyaanee kun Sabaabaa Warraaqsaa Biyyoolessaa oromiyaan Barnootni semisteera tokkoffaa Ugguramuun walqabatee Ammas Mormiin Guddaan kan Wayyaaneetti Xumura godhee darbuu danda’uu finiinaa jiraachuu irraa harka tokkoon Waraanaa nannawaa Manneen Barnootya qubsiisaa harka tokkoon immoo sossobbii barsiisotaatti fuulleeffachuun Warrraaqsa dura dhaabbachuun Olola sobaa TVO, ETV FI Medialee of harkaa qabduun olola kijibaa uummatatti afuufuuf jettee maqaa walga’ii barsiisotaa jedhuun barsiisotaa duraan miseensota OPDO turanii fi Dabballoota ergamtuu Wayyaanee kanneen ta’anii Oromiyaa keessa jiran Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti walitti qabuun kijiba ofaa jiraachuu irraa Mormiin guddaa fi Gaaffiin barsiistaan Waan Deebisaan dhabuun bifa kadhaa fakkeessuun Sossobbii dabballootni Wayyaanee guyyaa lamaaf godhaniin barsiisotni Oromoo nuti isin Waliin hin dubbannuu isin Hirmii uummata oromootii jechuun mormii isaanii hanga dhumaatti callisaan dhageesisuun ergamtoota diinaa qaanessaan. Godinoota Oromiyaa Walga’iin kun irratti Xiyyeeffatee keessaa :
1.Godina Lixa Shaggar Amboo
2.Godina Kibba lixa shaggar Walisoo
3. Godina Wallagga Lixaa Gimbii
4.godina Wallaggaa Bahaa Naqemtee
5. Godina arsii lixaa Shaashaamannee
6.Godina Shawaa kaabaa Shaggar(Salaalee) Fiichee
7. Bulchiinsaa Magaalaa burraayyuu irratti kan xiyyeffachuun ergamtootni diinaa loltootaa fi humnoota tikaan Marfamanii olola afaan fajjii ofuuf kan gaggeessan diddaa barsiisotaan xummurame.
Sochiin Warraaqsaa FXG daran jabaachaa adeemuun Walqabatee Manneen Barnootaa godinoota kanneen keessatti itti Fufinsaan Cumamanii jiraachuun Dhaadannoon Branootni Bilisummaa Booda (BBB) jedhuu Daran jabaatee itti Fufee jira.
Daily Archives: February 15, 2016
Oduu Gaddaa:- Hayyuun Sabaa fi Jaallatamaa Kennaa Addaa Kan Qabu Artist Admaasuu Biraanuu Boqochuun Dhagahame.
Aside
Gurraandhala 15,2016 Oduu Gaddaa
Artistii Beekamaa fi jallatamaa Admaasuu Biraanuu kaleessa galagala sababaa hin beekamneen du’e reeffii Isaa mana isa keessaa argamee yeroo ammaa kana Hospital Miniliik keessaati qoratamaa Jira maatiifi firoottan isaaf jajjabina hawwaa ummata Oromoo qaroo artii isaa dhabeefiis jajjabinaan hawwa.
Matii Isaa fi Uummata Oromoo Hundaaf Hayyuu Dhabneef Waaqayyo Jajjabina Isaa Nuu Haa Kennu.
Sabboonaa Kabbadaa Abarraa Margaa University Amboo Campus Waliso Irra Barnootaa Computer science Ebbifame Mana Hidhaa Waliisoo Ejersaa Keessatti Akkaan Dararamaa Jiraachuun Beekame.
Aside
Guraandhala 15,2016 Sabboonan Oromoo Kabbadaa Abarraa Margaa daraaraa guddaan mana hidhaa Walisoo Ejersaa jedhamee beekkamu keessatti daraaraa guddaan akka irraa gahaa jiru barame. Kabbadaa Margaa Mormii Master Plan Finfinnee situ qindeessaa ture ammas uummanni akka mirgaa isaaf falmatu addaa dureen gootee jechuun gaafa guyyaa 7/2/2016 waraana Wayyaaneen ukkaamfame.
Kabbadaa Margaa kan dhalatee guddatee Godina kibba lixa Shaggar Aanaa Ammayyaa ganda qotee bulaa Arrooyyiti. Barnootaa Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa achuma Magaala Gindooti barate. Sadarkaa Olaanaa University Amboo Campus waliso irra barnootaa computer science eebbifame dalagaa irraa illee dhorgamee jiraata ture. Bara 2004 Mormii Magaala gudditti Oromiyaa Finfinnee irraa Aadamaati dabarsuuf jedhan dhaabuuf taasifame irratti illee ijoollee Ammayyaa hedduu waliin hidhame, Bara 2006 illee Mormii ajjeechaa barattoota Oromoo akka Jaagamaa Badhaanee fa irratti hiriiraa taasifameen wal qabatee Ammayya irraa wagga 5 itti muranii hidhaa ture.
Baroota hedduuf barnootaa isaa irratti gufuu ta’anii bara hedduu mana barnootaa keessa akka turee fi osoo abdii hin murin University irraa eebbifame. Baruumsa xumuree hojii akka hin arganneef xalayaa jala barreessa turan . Rakkoo ilmaa Oromoo kana irraa gahuu cufaaf itti gaafatamni bulchitoota Godina kibba lixa Shaggar fi Aanaa Ammayyaa ta’uu uummanni naannoo heere.
Arsii Lixaa Shaashimanneetti FXG itti fufe waraanni Wayyaanee uummata irratti dhukasa bane.
Aside
Guraandhala 15,2016, Godina Arsii lixaa magaala Shaashimanneetti kaleeysa FXG finiineen humneen Wayyaanee dura dhaabbachuudhaan uummannii fi barattootni fincila jabaa gaggeessanii jiru. Dhukaaasni guddaan uummata irratti baname namootni 15 ol rasaasasan rukutaman martinuu amma Hospitaala Kuyaaratti argamu. Kannen qonnaan bultoota rasaasa wayyanen kaleeysa rukutaman keeysaaa
1. Januu Tashitaa
2. Oba Jiloo
3. Shuma Nagaasa
4. Habtamuu Fayisaa
5. Amaan Jiloo
Kanneen jedhaman FXG kaleeysa bahan irratti kan dhahaman iidha. Uummanni tarkaanfis fudhatee jira. poolisoonni wayyaanen heddunis madeeffamanii jiru. Magaalan shaashimannee amma humna waraana weeraramtee kan jirtu yoo tahellee uummanni daandii cufaa jira. kaleeysa Gurandhala 14/2016 ganama irra kaasee hanga ammaatti fincili aanaa Shashimannetti jabaatera. Namootni hedduun hidhaatti guuramat jiru. Akkasuma uummata keeysaan tarkaanfin qabeenya diinaa fi kaabine irratti fudhatamuunis itti fufee jira .
Waraanni konklaataan 5 ol har’as Arsiitti duulaa jira FXG kunoo hamma galii isaa gahuttis godinaale oromiyaa bakka hedduutti
nuffii fi sodaa tokko malee itti fufeera.
Diddaa Gootota Barattoota Oromoo Yuniverstii Haromayaa Kaampaasii Harar Gurraandhala 2016
Aside