(Qeerroo, 8 Guraandhala 2016, Begii, Oromia) Basaasoti fi Lukkeleen Wayyaanee ummata Begii fi Qondaalaa Hiraarsan Saaxilaman.
Gabaasaan Oromedia odeeffannoo ummata irraa argateen qorannoo taasiseen kanneen yeroo ammaa Wayyaaneef lukkee taúun ummata Oromoo aanaalee Begii, Qondalaa fi naannoo san rakkisaa jiran adda baafateera.
- Haaji Yuunus Haaji Musxafaa
Namnu kun yeroo ammaa aanaa Qondaalaa, Wallaggaa Lixaa keessatti waraana Wayyaanee kan tajaajilaa jiru. Hojiin isaa waraana Wayyaanee mana nyaataa Shaggaatti deddeebisuun qallabsiisaa jira. Manni nyaataa kun kan Qees Burruusee Zalaalam. Haaji Yuunus Haaji Musxafaa akak hojii kana irraa dhaababtu yeroo hedduu itti himamee jira. Garuu, gorsa llammii dhaga’uu diduun tika Wayyaanee federaalawa waliin ta’ee ilmaan Oromoo hiisisaa, ajjeechisaa fi miidhaa jira.
- Siraaj Haji Musxafaa
Namni kun immoo ummata Oromoo naannoo basaasuun kan maqaa isaanii humnoota tikaa Wayyaanee kennuu dha. Namni kun tika godinaatti yeroo dhaa yerootti bilbilee nama qabsiisaa jira. Siraaj Haji Musxafaa gocha kana akak dhaabu firaanis, maanguddootaanis yeroo addaddaatti gorfameera. Garuu, gochaa badaa kanatti cichuun yeroo ammaa diinummaa siaa ifaatti raawwachaa jira.
Namni kun gochaa isa abadaa Kanaan namooti hedduu akka galaafataman godheera. Siraaji Kanaan duras namoota akka Addaamuu Taasisaa, Waaqjiraa Barkii fi Isumaa’el Abdulqaadir, Taaddasee Waaqwayyaa fi Tashaalu Dunbaalaa waliin ta’uun kan gooticha Oromoo Jaal Raggaasaa ajjeechisiisanii dha. Jarreen kun hojii diinummaa isaanii itti fufanii ammas ilmaan Oromoo fi barattoota Oromoo dararaa juran.
- Daawid Huseen
Namni kun immoo Daawud Huseen jedhama. Namni kunis duunaaf lukkee ta’uun yeroo addaddaatti akka Oromooti sabboontoti hidhaman, biyyaa arihaman, ajjeefamanii fi gara dabarfaman gochaa jira.
Namni kun akak gochaa diinummaa dhiisuuf gorfamee ture. Yeroo duraatti gorsa san fudhatee diinummaa irraa harka fudhatee ture. Booda kana immoo, gochaa badaa sanatti deebi’uun halkanii fi guyyaa lukkee diinaa ta’ee qe’ ee Oromoo saamisaa jira.
Dhalooti Oromoo ifiin boonan akka nagaan hin jiraan gochaa waan jiruuf, gocha kana yoo hin dhiifne tarkaanfiin dhumaa isa irratti kan fudhatamu ta’uu Qeerroon hubachiisee jira.
- Yuunus Kadir
Namni kun maqaan isaa Yuunus Kadir jedhama. Yuunus dhalootaan Aanaa Qondaalaa zeengaa ti. Yeroo ammaa aangoo kaabinummaaf jecha basaastummaan sadarkaa guddaa qabachuun ilmaan Oromoo aanaa Qondaalaa Shooroo gabaa Dafinoo keeysatti argamaan maqaa isaanii qabatee diinaaf dabarsaa jira.
Gama birootiin namni maariqoos Naggasee jedhamuu mootoraan gabaa addaa addaa deemuudhaan informeeshinii qotee bulaa irraa sassaabee wayyaaneef gabaasaa jira.
namoonni maqaan isaanii:
1.Abdullaahi Huseen Taaddasaa
2.Abiyoot suukii
3.Jamaal shuushaa
4.Nasirallaa Yamanii
5.Naasir Ahimad fi Qees Nabbaraa jedhaman cherchii fi alatti ilmaan Oromoo basaasun sadarkaa guddaa qabatanii jiran.
Namooti kunneen diinumma aisaanii irraa akak dhaababtaniif akeekkachiisti dhuma akun darbeefii jira. Kana booda tarkaanfii fudhatamuuf gaafatmooti isaan malee qaama kamuu akka hin taana beekamuu qaba.
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk
Like this:
Like Loading...