Amboo Keessatti FXG Caalaatti Finiinaa Jira,Daandiileen Konkolaataa Cufamaa Jiru.

Aside

Baabbichaaa (1)Guraandhala 19,2016 Warraaqsii biyyoolessaa Oromiyaa FXG ganama barii lafaa irraa eegaluun maagaalaa Amboo fi naannoo Ambootti warraaqsa fincila xumura gabrummaa jabaatu deemaa jira.  halkan edaa daandiiwwaan konkolaataa bakkoota hedduutti cufamaa bulaan, daandiin Amboo hanga calliyaatti cufamee jira, Magaalaa Baabbichaa irratti akka baqnamuu hin dandeenyetti cufamee jira.Baabbichaaa

Goototni Barattootniu mana barumsaa Amboo sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi Qophaa’inaa Hundii isaanii hiriiraan gara daandii asphaaltii guddatti Adeemaa jiruu, Uummanni baadiyyaa Amboo fi godina Lixa Shaggar Waajiraalee OPDO diiguu irratti argama, akka guutummaa goduinichaatti warraaqsii guddaan gaggeeffamaa olaa waan ta’eef Uummatni Oromoo kallattii hundaan kan keessaa fi alaa bakka jirtan hundaa dirmachuu keessan jabeessa, bakka jirtanii sagaleedhageesisaa !!