Waxabajjii 23,2015
Uummati Oromoo addunyaarratti kan ittiin beekamu seera, toobaa,toobbana,Gadaa fi irreessa walumaagalatti aadaa boonsaa sabummaasaarra darbee ardii keenya Afirkaa kan boonsuu danda’u dha.
Bu’uuruma heera uumaa ganamaa ganamtee kanaan kan bulan Oromoonni Matakkal gaalessaa irreessa arfaasaa si’a darbee irreessataniin mootummaa naannoo Gomuziin yakkamanii mana murtii aanaa Dibaaxiitti erga deddeebi’aa turaniin booda Caamsaa 23,2015 manni murtii aanaa Dibaaxii walii galaan namoota kudha shan irratti murtii seeraa alaa irratti dabarse. Gochaan kun loogii mootummaan Gumuz TPLFn hoogganamu qoodinsaa fi loogii sanyummaatiin kanaan dura Afaan Oromoo naannichaa balleessuu fi Gumuzoomsuu,shinaashessuu geggeessaa kan ture ammammoo aadaa Oromoo balleessuu irratti hojmanee sabboontotiin Oromoota kun murtii garaagaraatiin mana hidhaa Gilgalbalas godina Matakkalitti guuree jira.
Kanaafis cunqursaa Oromoota naannoo kanaatiif uummata Oromoo bal’aaf deeggarsa siyaasaa jabeessinee gaafanna Namoota hidhaman 1 Abdiisaa Dhugumaa waggaa lamaa fi ji’a jaha qarshii kuma jaha wajjin 2 Kuusaa Toleeraa waggaa lamaa fi ji’a jaha qarshii kuma jaha wajjin 3 Goobanaa Baqqalaa waggaa lamaafii baatii jaha qarshii kuma jaha wajjin 4 Dabaloo Hiikaa waggaavlamaaf baati jahaa fi qarshii kumajaha wajjin 5 Ayyaanaa Gaashuu dabalatee jaarsolii biyyaa kudha lama qarshii kuma jaha nagaan adabuun ol iyyannoo akka hinfudhannes dhorkatamaniiru