FDG Bulee Horaa Yuunniversitiitti Itti Fufuudhaan Barattootni Hhmna Waraanaan Marfaman, Barattootni Qormaata Kutaa 12ffaa Qoramanis Diddaa Sirna Wayyaanee Kaasaa Jiru.‏

Aside

kr

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Bulee Horaa fi Godinaalee garagaraa irraa ibsu. Barattootni Yuuniversitii Bulee Horaa guyyaa har’aa Waxabajii 4,2015 FDG kanaan dura eegalee jiru hanga bilisummaatti hin dhaabnu jechuun itti fufan.Humni waraana Wayyaanee konkolaataa 10 ol tahus garasitti fe’ame. Barattootni hedduunis qabamanii mooraadhaa bahuu Qeerroon gabaasaa jira.
-Nuti mirga keenyaaf falmii afaan qawween doorsifamuun osoo hin dhaabbatin itti fufuu qabna.
-Humni waraanaa mooraa keenya keessaa nuuf haa bau’u
-Oromiyaan haa bilisoomtu
-Nuti abdii WBOtiif jiranna
-Oromiyaan kan Oromooti.
-Habashootaa fi nafxanyoof hin jilbeenfannu
-jala deemtuu wayyaaneef bakka hin qabnu
-Seenan isin haagafatu kan ilmaan Oromoo mana hidhaatti guursistan mooraa Yuuniversitii Bulee Horaa keessatti dhaadannoon kun har’a
barattootaan itti fufee jedhamaa ooluu Qeerroon kan gabaasuu fi akkasuma barattootni qormaata biyyoolessaa kan kutaa 12 guyyaa har’aa
eegalan qorumsa biyyooleessaa sa’a isaa eegate kajabuu irra bilisummaa faarsaa oolan. qorumsi sirnaan kan hin gaggeeffamne Oromiyaa
godinaalee hunda keessatti tahuu Qeerroon gabaase. Torban kana guutuu mannen barnootaa sadarkaa gadii keessatti WBO faarsuun barattootni
diddaa itti fufan.fedha qaban Bilisummaa fi walabummaa tahu barattootni kutaa 1 irraa kaasee hanga qophaayinatti ibsaa jiru. FDG Yuuniversitiilee keessatti itti fufe.

Gootonni Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa Roorroo Poolisoota Ergama Wayyaanee Raawatanii Dadhabuun If Irraa Ittisa Gochaa Jiru.

Aside


Qeerroo KaiWaxabajjii 3/2015 Mootummaan Wayyaanee  Sochii warraaqsa FDG gaggeeffama jiru irraa soda fi yaaddoo guddaa keessa seenuun sakkatta’insa guddaa barattoota Oromoo Yuunivarsiitii  Jimmaa  irratti jabeessuun wal qabate ergamtoota poolisoota Wayyaanee TPLF fi barattoota Oromoo jidduutti walitti bu’iinsi guddaan uumame.

Goototni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa poolisoota Wayyaanee fi basaastoota  Wayyaanee yaaddoo keessa galuun barattoota Oromoo sakkatta’insaan dararaani fi barattoota Oromoo doorsisan yeroo dheeraa obsaan bira darbaa kan turan yeroo ammaa kanatti bahaa fi galma isaanii irratti hiraarsaa fi doorsisa akkasumas sakkatta’iinsa poolisoonni Wayyaanee godhanii fi reebicha barattoota irratti gahaa jiru irraan amman booda obsa fixatne jechuun dhagaan poolisoota yakka hojjetan haleeluun akka fedhii keenyaatti mooraa barnoota keessa gadi baanee oldeebi’uu qabna jechuun poolisoota Wayyaanee balbala irra dhaabachuun sakkatta’insaan dargaggoota barattoota Oromoo dararan dhagaan dhahuun achii arii’atan.

Galgala har’aa barruun warraaqsaa FGD labsitu kan ibsa Qeerroon bilisummaa Oromoo baasee fi  barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Mattuu irraa ukkaanfaman attattamaan hiikamuu qabu jedhuu  Yuunibarsiitii Jimmaa fi  kolleejjii barsiisota Jimmaa, Yuunibarsiitii Maattuu, Magaalota akka  Jimmaa, Baddallee, fi Mattuu fa’aa keessatti bittinneeffame.  Mootummaan Wayyaanees muddama seenuun humna waraanaa fi basaasaa isaa mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa irratti bobbasuun, barattoota Oromoo doorsisuuf yaalus goototni barattootni Oromoo yoom iyyuu caalaa tokkommaa isaanii jabeeffachuun sakkatta’insi seeraan alaa nurraa dhaabbachuu qaba, nuti shiftaa miti warraa biyya iyyuu bulchuu danda’udha, shiftaan mootummaa wayyaaneeti, Wayyaanee fi ergamtootni ishee qabeenyaa uummata keenyaa saamaa jiran sakkatta’amuu qabu, seerattis dhiyaachuu qabu  jechuun sakkatta’insa seeraan alaa Wayyaaneen barattoota irratti gaggeessa jirtu balaaleffatan. Galgala kana magaalaan Jimmaa muddama guddaa kessa kan seente ta’uun ibsame.