Raadiyoo Sagalee Walabummaa Oromiyaa Ebla 13, 2015 jalqabee karaa marsariit http://www.independentoromia.org/ darbaa jiru dhgeessanii jirachuun keessan ni mala. Radiyoo kana yeroo dhihoo keessatti “short wave” dhaan Oromiyaatti tamsaasuuf qophiinsa xumuramee jira.
Akeeknii Raadiyoo Sagalee Qabsoo Walabummaa Oromiyaa (RSQWO) kaayyoo qabsoo walabummaa Oromiyaa kan biyya walaba fii uummata bilisa ta’ee argamsiisuuf jedu jajjabeessuuf carraaquu dha.
Sabbonumma Oromoo kunuunsuu, guddina inni argsiisa jiru jajjabeessu, caalatti, tokkummaa sochii saboontoota Oromoo, warra Oromiyaa walaboomsuuf hojettan haaroomsuu fii cimsuun akkeekasa keessa isa isa duraa ti.. Akeeka raadioo kanaas e-mail kanatti uddellee erginee jirra.
Yoo raadiyoo kana amma ammatii hindhgeenyee ta’ee http://www.independentoromia.org/ dhaquun sagalee addaa (unique) ta’ee kana akka caqafatan kabajsan isin afeera.
Qopheessitoota RSWO.
Dhaamsaa shaggaa fi wellee ‘loli qeerroo’ jedhu qaba ture, garuu maal ta’e hin beeku ni kaasan. Dhaamsi isaa akka uummati Oromoo fincila fi diddaa naga godhu, qoqobbii bittaa fi gurgurtaa meeshaa dabalate, waan afeereef ta’uu hin oolu.
Pingback: kelbessac