Waxabajjii 29,015 Ammayya
Godina Kibba Lixa Shaggar Aanaa Ammayyaa keessatti saboontonni ilmaan Oromoo saamicha mootummaan sagalee ummataa gaggeesse irratti mormii dhaggeessisuuf ufata gaddaa uffachuun yeroo mormii isaanii ibsatanii ka’anitti mootummaan abbaa irree gufachiisuf qabsaa’a ilma Oromoo kan ta’e Obboo Daamana (Yoom) Himanuu Tooba gaafa guyyaa 26/6/2015 halkan keessa sa’aa 4:00tti mana inni jiraatu baasun Waajjira Poolisii Aanaa Ammayyaa keessatti hiriira situ qindeesse jechuun itti roorisaa jiru. Qabsaa’a kun Part MADRAK’f taajabaa ta’ee achuma Magaalaa Gindootti yeroo ta’eetti yeroo samicha sagalee gaggeessuf yaalanitti dhorkuuf yeroo yaalu reebbicha irratti taasifamuu jira. Sa’uma sana waraanan yeroo qabsiisuuf yaalanitti hirkaa cabsee baduu ni yaadatama.