Kaabinoonni Wayyaanee Bulchiinsaa fi Hoggansi Keenya Beekumsa Argachuu Qaba Sababaa Jedhuun Uummata Jeeqaa Jiru

Aside

Waxabajjii 19,2015 Naqamte

Hoggansii fi bulchiisi keenya uumata biratti amantaa fi fudhatama walii gala qabaachuu qaba sababaa jedhuun kaabinooti OPDO akkuma fedhan dhimmoota mara waliin laaqa oolanii bulaa jiru.
Waxabajjii 16,2015 Kaabinootiin Wayyaanee hojjettoota fayyaa,bishaanii,ibsaa,qonnaa fi kka bakka tokkotti walitti qabuun hogganummaan OPDO uummata biratti fudhatama waan hin arganneef dirqiin uummati fudhachuu fi nu kabajuu qaba yaada jedhu uummatatti kaasaa turan akkanatti yeroo kana Wallagga magaalaa Naqamtetti kaabinoota OPDO tti waaroon salphinaa hojjettoota fayyaa godinichaan itti uffisame walga’ichi gaafa 19,2015 xumurame.