Godina Addaa Buraayyuu Keessatti Uummatni Diddaa Sirna EPRDF Jabeessanii Itti Fufuu Irraan Namoonni 200 Sirnaan Ala Hidhamuun Beekame

Aside

Because I am OromoWaxabajii 12,2015  FDG bakka addaa Kattaa jedhamutti diddaan ka’e. humni waraanaa fi poolisiin Wayyaanee uummata miidhuuf ergame uummataan ariyame. Filannoo kijibaa asitti godina addaa Buraayyuu qofa keessatti hanga ammaa guyyuudhaan namootni qabamanii hidhamaa jiran hanga nama 200 olii tahuu hubatame.
Waxabajii 12/2015 diddaan Buraayyuutti uummataan eegale kun galgala keessa sa’a 11 booda yoo tahu qonnaan bulaan, barataan hojjetaan dhuunfaa sababa gahaa hin taaneef hidhamuun, Wayyaaneen hanga yoomitti nurra taa’ee maatii keenya diigaa jiraata? Maaliif rakkkoo keenya ibsachuuf jennee hidhamna kan jedhu ture. Akkasuma barattoota sabboontota Oromoo Buraayyuu irraa gara mana hidhaatti darbuuf kiyyoo isaanii keessa galchuf utuu eeggatanii uummatni irra dammaqe, guyyaa kana galgala kana uummataan dhagaan waraana Wayyaanee irratti darbatame humnis dabalamu diddaan uummataa jabaachu irraan waraanni naannichatti argame uummata baqatee bahuu Qeerroon gabaase. Maqaa filannootiin Wayyaaneen nama hiraarsuu fi hidhuun ammas kan itti fufe yoo tahellee FDG tasgabbeessuuf jehee, hidhaan tarii kana hambisuuf sababa ta’a kan jedhuun ilmaan Oromoo hidhuun suusii mootummaa Wayyaanee ta’ee itti fufe. Kunis hiika hin taane hidhamuun nuuf haaraa miti jechaa uummanni oromoo lafa jiruu ol ka’ee diddaa jabeeffateera. Waraana wayyaanee kanneen FDG hin deggerree fi dura dhaabbatan irratti uummanni diddaa sirnichaa jabaa fudhatuunis eegalee jira. FDG har’as godinaalee addaa Buraayyuu dabalatee jabaateera.

Gabaasi Qeerroo akka addeessutti, hanga ammaa diddaa qindeessitaniittu sababaa jedhuun aadda durummaan kanneen hidhamanii jiran keessaa namoonni Addee Boontuu Raagaa fi  Obbo Warquu Ejjetaa warri jedhaman keessa jiru.

Wallagga,Qeellam Aanaa Daallee Waabaraa Keesstti Uummanni Loltoota Wayyaanee Uummata Goolan Dura Dhaabbachuun Karaa Cufuun Diddaa Muldhise.‏

Aside

diddaa9Gabaasa Qeerroo Waxabajjii 13,2015, Qellem Dambi Dolloo aanaa Daallee Waabaratti daandii ganda keessa deemu konkolaataa kan dhiyoo hojjetame jechuun waggaa kan hin guunne tokko bitta mootummichaaf daandii konkolaata mijeessuun yoo uummanni fincila kaase haguuguuf mijatuuf hojjetamee fi lammaffaan uummata gowomsuu misooma ykn guddina biyyaa daandii fi ibsaa isinii galchine kan jedhu saniin kan hojjetamee fi erga hojjetamee boodaa kaasuun hanga ammaa daandiin bahe kan uummata tajaajilu ta’uu hafee waraana mootummaa Wayyaanee hakanii guyyaa kan guuruu fi warraannis uummata naannichaa kan ittiin doorsisu ta’uu irraan uummanni haala kana dura waan dhaabbataniif daandii kana irratti waraanni bobba’ee uumata doorsisu haa dhaabbatu jennaan waan dabballoonni mootummaa didaniif jecha karaan kun bakka 10 n olitti uummanni muka jigsuun diddaa mootummaa irraa qaban muldhisaa jirachuu gabaasi nu gahe addeessa.